Publicidade

Vaso

Por Bíblia Online

A metáfora do vaso é uma das mais belas da Bíblia. Assim como o oleiro molda o barro, Deus nos forma segundo seus propósitos, fazendo de nós vasos úteis para sua glória.

Nas mãos do oleiro

Deus é o Oleiro e nós somos o barro. Ele tem autoridade e sabedoria para nos moldar conforme sua vontade perfeita, e não devemos questionar sua obra.

Taʼus yaa Rabbii Allaah, ati Abbaa keenya.

Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti;

hundi keenya hojii harka keetii ti.

Mana Namicha Suphee Dhaʼu Tokkootti

Dubbiin Rabbii Allaah biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: "Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima." Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture. Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.

Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: "Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?" jedha Rabbii Allaahan. "Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.

Garuu yaa namichoo, Allaahan mormuuf ati eenyu? "Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, Ati maaliif akkanatti na tolchite?’ " jedhaa? Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?

"Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee

Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo.

Supheen, suphee dhooftuudhaan,

Ati maal hojjechaa jirta?jedhaa?

Hojiin ati hojjettus,

Inni harka hin qabusiin jedhaa?

Kun jalʼina keessan,

suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu!

Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen

"Inni na hin tolchine" jedhaa?

Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan,

"Inni homaa hin beeku" jechuu dandaʼaa?

Vasos para honra

O cristão é chamado a ser um vaso de honra, purificado e preparado para toda boa obra. Nosso valor está em quem nos formou e no que carregamos.

Mana guddaa tokko keessa miʼa warqeetii fi meetii qofa utuu hin taʼin, miʼi mukaatii fi suphees jira; kana keessaas tokko tokko ulfinaaf, kaan immoo salphinaaf oola. Namni tokko yoo salphina kana irraa of qulqulleesse, inni miʼa ulfinaa kan qulqulleeffame, kan Gooftaa isaa fayyaduu fi kan hojii gaarii kam iyyuu hojjechuuf qopheeffame taʼa.

Garuu akka humni waan hunda caalu kun Allaah irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna.

Ilmaan Xiyoon kanneen akka

warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun

amma akkamitti akka okkotee supheetti,

akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!

Moldados pela graça

Mesmo quando nos sentimos frágeis e imperfeitos, o poder de Deus se aperfeiçoa em nossa fraqueza. Ele nos restaura e nos renova continuamente.

"Harki kee tolchee na uume.

Ati amma deebitee na balleessitaa?

Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu.

Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?

Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu

akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti.

Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas;

eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa.

Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii;

isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-