Pular para o conteúdo
Publicidade

10 versículos sobre esperança em tempos difíceis

Por Bíblia Online

A vida é feita de momentos de paz e de tormenta, mas, felizmente, a Bíblia nos oferece conforto e esperança em tempos difíceis por meio da Palavra de Deus. Confira abaixo 10 versículos que revelam o cuidado e a onipresença do Senhor conosco em momentos de dificuldade.

Lista de versículos:

1. Jeremias 29:11

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.

2. Salmos 46:1

Allaahan daʼoo fi jabina keenya;

inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

3. Romanos 15:13

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Allaahan abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

4. Isaías 41:10

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;

hin raafamin; ani Allaah keetii.

Ani sin jabeessa; sin gargaaras;

ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

5. Mateus 11:28

"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.

6. 2 Coríntios 4:17-18

Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.

7. Salmos 34:17-18

Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Rabbii Allaahanis isaan dhagaʼa.

Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.

Rabbii Allaahan warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;

warra abdii kutatanis ni fayyisa.

8. Hebreus 10:23

Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.

9. 1 Pedro 5:7

Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

10. Filipenses 4:6-7

Waan hundumaa keessatti Allaah duratti duʼaa gochuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Allaahatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. Nagaan Allaah kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Al-Masiihi Iisaatiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

Esses são apenas alguns exemplos, mas que podem lhe trazer paz. Nunca deixe de conversar com Deus sobre suas angústias, somente Ele pode acalmar o vosso coração.

Compartilhe esses versículos com alguém que esteja precisando de esperança e calmaria. Ajude a espalhar a palavra de Deus!

Deus abençoe!

Joãoe Kerolen
1 pessoa deu Amém