Vitória
A vitória do cristão não depende de suas próprias forças, mas do poder de Deus que opera em nós. As Escrituras declaram que somos mais que vencedores por meio daquele que nos amou.
A vitória vem de Deus
O Senhor luta por nós. Quando confiamos nele, nenhuma arma forjada contra nós prosperará e nenhum inimigo prevalecerá.
Kan moʼannaa isiniif kennuuf jedhee diinota keessan isiniif loluuf isin wajjin baʼu Rabbii Allaah keessaniitii."
Rabbii Allaahanis Yushuʼaadhaan, "Isaan hin sodaatin; ani harka keetti dabarsee isaan kenneera. Tokkoon isaanii iyyuu fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan" jedhe.
Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama;
moʼichi garuu kan Rabbii Allaah ti.
Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee
isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle;
yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne;
ati isaan jaallatteertaatii.
Ati Mootii koo fi Allaah koo
kan Yaaʼikuubiif moʼicha ajajjuu dha.
Mais que vencedores
Em todas as circunstâncias, a fé nos dá a vitória. O mundo tenta nos derrubar, mas Cristo já venceu o mundo e nos faz triunfar.
Namni Allaah irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.
Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla. Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Allaahan nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?
"Yaa duʼa, moʼichi kee meerre?
Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?"
Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera. Allaah karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
Força para a batalha
Deus nos reveste com sua armadura espiritual, nos fortalece e nos encoraja. Mesmo que o justo caia sete vezes, ele se levanta.
Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Allaaha guutuu hidhadhaa.
Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii;
namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.
Nu Allaah wajjin ni moʼanna;
innis diinota keenya gad dhidhiita.
Kumni tokko si cinatti,
kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;
garuu sitti hin dhiʼaatu.
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.