9marroo waan dansaa namicha naafa kanaaf godhamee nu gaafattanii? Ka isa fayyiselle eennu akka te’e nu gaafattanii?
10Namichi amma fayyee isin dura dhaabbatu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa’elii martinuu beeka’a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammoo du’a keessaa isa kaase.
17Ammoo wonni kun akka hin babadhanne, maqaa Yesuusiitiin ijjumaa deebi’anee nama tokkolle’etti akka hin dubbanne, kowa’a isaan seerraa» jedhane.