Pular para o conteúdo
Publicidade

Gênesis 18

23 Yennaa san Abrahaam gara Mootii Waan Maraa dhikaatee, «Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin lafa irraa balleessaartaa? 24 Namooti balchooti shantam qachaa san keessa yoo jiraatane, qachaa duudii hin balleessitaa? Namoota balchoota shantama achi keessa le’anuuf jettee hin lakkittuu? 25 Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin hin ijjeettu; ati tana hin gootu; yoo tana goote namooti balchooti dabaaleyyii woliin hin adabaman; tun ijjumaa hin teetu. Ka biyya lafaa duudi’itti muru, sirri’itti muruu hin qabuu ree?» jedhe.

26 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani namoota balchoota shantama qachaa Sodoomii keessatti yoo dhagge, ani isaaniif jedhee qachaa san duudii hin fayyisa» jedhe. 27 Abrahaam deebisee, «Ani nama woy hin baane buku’uu fi daadha’a; Goottaa kiyya sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne’ee naaf araaram. 28 Balchoota shantama keessaa shanan hin dhidhatan fa’a; sababa shanan dhidhataneef qachaa duudii hin balleessitaa?» jedhe.

Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani balchoota afurtamii shan achitti yoo dhagge, ani qachaa san duudii hin balleessu» jedhe.

29 Abrahaam ammalle isaan, «Balchoota afurtama qofa achitti yoo dhaggite hoo?» jedhe.

Inni deebisee, «Balchoota afurtama yoo dhagge hin balleessu» jedhe.

30 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, ammalle deebi’ee yoo dubbadhe hin aarin. Balchoota soddoma qofa qachaa san keessatti yoo dhaggite hoo?» jedhe.

Inni deebisee, «Ani balchoota soddoma qachaa san keessatti yoo dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe.

31 Abrahaamille, «Mootii waan maraa, sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne’ee naaf araaram. Balchooti diddam qofa achitti yoo dhaggamane hoo?» jedhe.

Inni deebisee, «Ani balchoota diddama saniif jedhee, qachaa san hin balleessu» jedhe.

32 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, takkattii tana qofa dubbadha, maganne’ee natti hin aarin. Balchooti kudhan qofa achitti yoo dhaggame hoo?» jedhe.

Inni deebisee, «Ani balchoota kudhan yoo achitti dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe. 33 Mootiin Waan Maraa Abrahaam woliin dubbatee fixateen duuba deeme; Abrahaamille gara addee ifii deebi’e.

Veja também