Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame
16 Yesuus Abbaayaa Galiila’aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi’ii ka te’ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo1:16Caccoo: Tiyyoo tiyyoo Abbaaya’atti afanuun dhagge. 17 Inni isaaniin, «Ana faana kowa’a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. 18 Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.