Muraa Muumme’ee
31 Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee’a. 32 Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re’ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee, 33 hoolota midda ifiititti, re’oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa. 34 Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‹Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, kowa’a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala’a; 35 sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te’ee na fudhattaneertan; 36 daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. 37 Yennaa san balchooleen, ‹Gootta’a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
38 « ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? 39 Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen. 40 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
41 «Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha’a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema’a; 42 ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne; 43 keessummaa te’eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne› hin jedha.
44 «Achiin duuba isaanille deebisanee, ‹Gootta’a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?› hin jedhaniin. 45 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle’eef hin goone› isaaniin hin jedha. 46 Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman» jedhe.