5 Yommuu Hoolichi chaappaa sadaffaa banettis uumamni jiraataan inni sadaffaan, "Kottu!" jechuu isaa nan dhagaʼe; nan ilaales; kunoo, fardi gurraachi6:5 Fardi gurraachi – kun fakkeenya beelaa jechuunis duʼa beelli fiduu dha. tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus madaalii of harkaa qaba ture. 6 Anis waan akka sagalee uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran gidduu dubbatame fakkaatu tokko, "Qamadiin safartuu tokkoo mindaa guyyaa tokkootiif, garbuun safartuu sadiis mindaa guyyaa tokkootiif haa taʼu; garuu zayitii fi daadhii wayinii hin miidhin!" jechuu isaa nan dhagaʼe.
Publicidade