10Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
11Amanamummaan lafa keessaa burqa;qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
13Qajeelummaan fuula isaa dura deema;miilla isaatiifis karaa qopheessa.
37 resultados encontrados
10Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
11Amanamummaan lafa keessaa burqa;qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
13Qajeelummaan fuula isaa dura deema;miilla isaatiifis karaa qopheessa.
23Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii.
52Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa.
56Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi samiitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?
16Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
17Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa.
18Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa.
4"Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa!Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa!Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti;gaaddisni galgalaas dheerateera.
14Isaan madaa saba kootiiakkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu.Utuu nagaan hin jiraatinis‘Nagaa, nagaa’ jedhu.
16Waaqayyo akkana jedha:"Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa;daandii durii iyyaafadhaa;karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa;lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii.Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
2Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii fi Yihuudaa;
3Yisaakor, Zebuuloonii fi Beniyaam;
4Daanii fi Niftaalem;Gaadii fi Aasheer.
3Dhugumaan situ saba jaallata;qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru.Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu;qajeelfamas sirraa argatu;
14midhaan filatamaa aduun biqilchituun,waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
15kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin,badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
22" ‘Garuu inni yoo utuu diinummaa hin qabaatin tasa nama darbatee lafaan dhaʼe yookaan utuu hin beekin waan tokko isatti darbatee
26" ‘Taʼus yoo namichi nama ajjeese sun daarii magaalaa itti baqate sanaa keessaa baʼee
29" ‘Isaan kunneenis dhaloota dhufu keessatti lafa isin jiraattan kamitti iyyuu seeraa fi qajeelfama isiniif haa taʼan.
5Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa.
14Luqaas ogeessi fayyaa michuun keenya jaallatamaanii fi Deemaas nagaa isinii dhaamu.
18Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. Hidhamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.
6Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa;akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.
14"Isin akkamiin ‘Nu gootota;nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?
20Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti.Wawwaadhuu booʼi!Arnoon birattiakka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.
14" ‘Yoo nama saba kee taʼetti lafa gurgurte yookaan waan tokko isa irraa bitte, wal hin gowwoomsinaa.
18" ‘Ajaja koo duukaa buʼaa; seera koo illee eegaa; isinis biyyattii keessa nagaan ni jiraattu.
24Biyya akka dhaalaatti qabattan guutuu keessatti waan ittiin lafa furtan baasaa.
7Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti,
9hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa.
26gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan;
1Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa awwaalan. Kana irratti Daawit achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe.
6Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu!
12Namoonni Daawitis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan.
22Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu?Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu.
30Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
34Qajeelummaan saba ol guddisa;cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.
2Namni qajeelummaadhaan jiraatu,gara nagaa seena;isaan siree isaanii irra boqotu.
19arraba boossuuwwan Israaʼel keessa jiraatanii irrattis galata nan uuma.Warra fagoo jiraataniif nagaan, warra dhiʼoo jiraataniifis nagaan haa taʼu.Anis isaan nan fayyisa" jedha Waaqayyo.
21"Namoota hamoof nagaan hin jiru" jedha Waaqni koo.
3Manni ogummaadhaan ijaarama;hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;
5Ogeessi humna guddaa qaba;beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;
26Deebiin qajeelaan,akkuma hidhii dhungachuu ti.
5Namoonni wal hacuucu;namni tokko nama kaanitti, ollaanis, ollaa isaatti kaʼa.Dargaggeessi jaarsatti,tuffatamaanis kabajamaatti kaʼa.
19amartii gurraa, bitawoo, haguuggii fuulaa,
21qubeelaa chaappaa, amartii funyaanii
1Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha;kabajamuunis meetii fi warqee caala.
7Sooressi hiyyeessa bulcha;liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.
11Nama qulqullina garaa jaallatuu fidubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.