10 Nu yommuu isin bira turretti ajaja, "Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin" jedhu isinii kenninee turreetii.
11 Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan. 12 Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Iisaa Al-Masiihiin isaan ajajna; ni gorsinas.