Admiração
O temor do Senhor é o princípio da sabedoria. A admiração reverente por Deus é a postura que produz conhecimento, obediência e bênção na vida do crente.
Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
"Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
Rabbii Allaah sodaachuun ogummaa nama barsiisa;
gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa,
Rabbii Allaah sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
Rabbii Allaah sodaachuun jibbuu dha;
hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu,
amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
Gad of qabiisnii fi Rabbii Allaah sodaachuun,
qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
Ani ogeessa ofiin hin jedhin;
Rabbii Allaah sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna;
lafee kee illee ni haaromsa.
Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;
dubartiin Rabbii Allaah sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
Amma wanni hundinuu dhagaʼameera;
dhumni dubbii kunoo ti;
Allaah sodaadhuutii seera isaa eegi;
wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.
Galanni isaa bara baraan jiraata.
Haalleluuyaa.
Namni Rabbii Allaah sodaatu,
kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
Warri Rabbii Allaah sodaatan,
kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
Garuu iji Rabbii Allaah warra isa sodaatan irra,
warra araara isaa abdatan irras jira;
Allaahan nu eebbiseera;
handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.
Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.
Yaa Israaʼel, wanni Rabbii Allaahan kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Rabbii Allaah kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Rabbii Allaah kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu, akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Rabbii Allaah kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
Rabbii Allaah keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
Sababii isaan Allaah sodaataniif Allaahan deessistoota sanaaf maatii ofii isaanii kenneef.
Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Allaah sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.
"Namni michuu isaatiif garaa hin laafne
Allaah Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.