Pular para o conteúdo
Publicidade

Adoração

Por Bíblia Online

A adoração é a resposta do coração humano à majestade de Deus. Deus é Espírito e importa que os que o adoram o adorem em espírito e em verdade — com todo o ser.

Adorar em espírito

Deus é Espírito e importa que os adoradores o adorem em espírito e em verdade. A adoração verdadeira brota do coração.

Allaahan hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."

Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada. Allaahan hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."

Iisaanis akkana jedheen; "Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa. Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna. Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.

Namichi sunis, "Yaa Gooftaa, ani nan amana" jedhe; ni sagadeefis.

Iisaanis, "sheeyxaana nana, narraa fagaadhu! Allaah kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili jedhamee barreeffameeraatii" jedheen.

Iisaan immoo, " Allaah kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili jedhamee barreeffameera" jedhee deebiseef.

Aarsaa Jiraataa

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.

Aarsaa Jiraataa

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.

Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

Kunis:

" Ani jiraataadhaatii;

jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata;

arrabni hundi Allaahaf dhugaa baʼajedha Gooftaan"

jedhamee barreeffameeraatii.

Louvor e reverência

Vinde, adoremos e prostremo-nos. Louvai ao Senhor! Todo ser que respira louve o nome glorioso do Senhor.

Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Rabbii Allaah duratti ni jilbeenfannaa;

Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Rabbii Allaah duratti ni jilbeenfannaa;

Haalleluuyaa.

Mana qulqullummaa isaa keessatti Allaah galateeffadhaa;

shamaayʼuniiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.

Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;

guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.

Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;

baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;

dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;

kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Rabbii Allaah haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Rabbii Allaah haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,

jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;

isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa;

iddoo qulqullummaa isaatti Rabbii Allaah waaqeffadhaa.

Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Allaahatti iyyaa!

Ulfina maqaa isaa faarfadhaa;

galata isaatiifis ulfina kennaa!

Allaahan akkana jedhaa;

"Hojiin kee akkam sodaachisaa dha!

Sababii humni kee guddaa taʼeef,

diinonni kee fuula kee duratti hollatu.

Lafti hundinuu siif sagadu;

faarfannaa galataa siif faarfatu;

maqaa keetiifis faarfatu."

Ani afaan kootiin isatti nan iyye;

galanni isaas arraba koo irra ture.

Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii,

fuula kee duratti ni sagadu;

maqaa keetiifis ulfina fidu.

Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha;

Allaahan suma qofa.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;

waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.

Yaa Allaah, ati Allaah koo ti;

ani dhugumaan sin barbaadadha;

lafa gogaa fi gammoojjii,

lafa bishaan hin jirretti,

lubbuun koo si dheebotti;

foon koos sitti gaggaba.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Ani hamman jirutti sin eebbisa;

maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

Declarações de adoração

Tu és digno, Senhor, de receber glória e honra! Ao Senhor pertence a grandeza, o poder, a glória e a majestade.

"Yaa Gooftaa fi Allaah keenya,

ati waan hunda waan uumteef,

isaan fedhii keetiin waan uumamaniif,

waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi

humna fudhachuun siif ni mala."

Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; "Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Allaah sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa shamaayʼunii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa."

Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne,

kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu?

Si qofatu qulqulluudhaatii.

Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef,

saboonni hundinuu ni dhufu;

fuula kee durattis ni sagadu."

Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti malaʼikkaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe. Inni garuu, "Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee nabiiʼiyyoota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Allaahaf sagadi!" naan jedhe.

Rabbii Allaah sababii wanni shamaayʼun fi

lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,

ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.

Rabbii Allaah mootummaan kan kee ti;

ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Akkana jedhaatii iyyaa; "Yaa Allaah,

Fayyisaa keenya, ati nu baasi;

akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf,

akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi."

Rabbii Allaah Israaʼeliitiif

bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu.

Kana irratti namni hundinuu, "Ameen; Rabbii Allaahan haa galatoomu" jedhe.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;

waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.

Kanaafuu Allaahan akka malee ol isa qabe;

maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.

Kunis akka jilbi hundinuu shamaayʼunii fi lafa irratti,

lafa jalattis, maqaa Iisaaf jilbeenfatuuf.

Akka arrabni hundinuus ulfina Allaah Abbaatiif jedhee

Iisaa Al-Masiihiin Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

Sacrifício de louvor

Por meio de Jesus ofereçamos sempre sacrifício de louvor. Cantai ao Senhor, celebrai em salmos — enchei-vos do Espírito.

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Iisaatiin aarsaa galataa Allaahaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Allaah haa waaqeffannu; "Allaahan keenya ibidda gubee balleessuudhaatii."

zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi zabuurii Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa.

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas duʼaa gochaa, faarfannaadhaanis Allaah galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.

Allaah Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu

Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

Akka isinis nu wajjin tokkummaa qabaattaniif waan arginee fi waan dhageenye isinitti labsina. Tokkummaan keenyas Abbaa fi Ilma isaa Iisaa Al-Masiihi wajjin.

Adoração como vida

Exaltai ao Senhor, prostrai-vos ante o escabelo dos seus pés. A adoração genuína transforma o adorador e agrada o Criador.

Rabbii Allaah keenya leellisaa;

ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;

inni qulqulluu dha.

Afaan koo guyyaa guutuu,

galataa fi ulfina keetiin guutama.

Allaahaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Rabbii Allaah dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

Allaahan warra abbaa hin qabneef abbaa,

niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun

iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.

Qajeelummaa isaatiif Rabbii Allaah nan galateeffadha;

maqaa Rabbii Allaah, Allaah Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

Maqaa kee obboloota kootti nan labsa;

waldaa keessattis sin jajadha.

Isin warri Rabbii Allaah sodaattan isa jajadhaa!

Isin sanyiin Yaaʼikuub hundinuu isa ulfeessaa!

Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!

Harka koo gara keetti nan diriirfadha;

lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Allaah irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.

Anis Rabbii Allaahan, "Ati Gooftaa koo ti;

ani si malee gaarummaa hin qabu" nan jedha.

Sodaadhaan Rabbii Allaah tajaajilaa;

hollachaas gammadaa.

Ani sittin gammada; nan ililchas;

yaa Allaah Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

Falsa adoração

Não terás outros deuses diante de mim. Não adorarás ídolos. A adoração exclusiva ao Senhor é mandamento inegociável.

Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Rabbii Allaahan kee Allaah hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee

Sababii Rabbii Allaahan maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Allaah hinaafu taʼeef ati Allaah biraa hin waaqeffatin.

Yeroo Muusaan dunkaana sana seenutti utubaan duumessaa gad buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabata ture; Rabbii Allaahanis Muusaa wajjin dubbata ture. Sabni yeroo utubaa duumessaa kan balbala dunkaanaa dura dhaabatu argutti hundi isaa ol kaʼee tokkoon tokkoon namaa dunkaana ofii isaa duratti sagada ture.

"Rabbii Allaahan jabina kootii fi faarfannaa koo ti;

inni fayyina koo taʼeera.

Inni Allaah koo ti; anis isa nan jajadha;

inni Allaah abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.

Rabbii Allaah,

waaqeffatamtoota keessaa eenyutu si fakkaata?

Qulqullinaan simboo qabeessi,

ulfinaan sodaachisaan,

hojii dinqii hojjechuuttis

kan akka keetii eenyu?

Rabbii Allaah kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;

Inni ulfina kee ti; inni Allaah kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.

Achittis atii fi warri mana kee jiraatan fuula Rabbii Allaah keessanii duratti ni nyaattu; sababii Rabbii Allaahan keessan hojii harka keessanii hundaan isin eebbiseefis ni gammaddu.

Isaan waaqeffatamtoota ormaatiin isa hinaafsisan;

waaqeffatamtoota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan.

Isaan hafuurota hamoo Allaah hin taʼiniif,

waaqeffatamtoota hin beekiniif,

waaqeffatamtoota reefuu dhufaniif,

waaqeffatamtoota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.

Ati Kattaa si dhalche gante;

Allaah si uume irraanfatte.

Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqeffatamtoota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.

Gooftaan akkana jedha:

"Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata;

hidhii isaatiinis na kabaja;

garaan isaa garuu narraa fagoo jira.

waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis

seera namni barsiisu qofaan tolfame.

Rabbii Allaahaf Galata Galchuu

Rabbii Allaah, ati Allaah koo ti;

waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen

wantoota dinqisiisoo

bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,

ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.

Allaahan garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota shamaayʼun irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba nabiiʼiyyootaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha;

" Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti

takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?

Isin fakkii waaqeffatamtoota waaqeffachuuf

tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii fi

urjii waaqeffatamaa tolfamaa keessan Reefaan ol qabdaniirtu.

Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.

Namni sobee gad of qabuu fi malaʼikkoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula. Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Allaahan kennuufiin guddatu sana irraa citeera.

Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. Innis waan Allaah jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; "Ani Allaah" ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Allaaha keessa taaʼa.

Exemplos de adoração

Jó adorou em meio ao sofrimento. Esdras adorou na restauração. Paulo e Silas adoraram na prisão — e Deus respondeu.

Kana irratti Ayyuub uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe:

"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;

qullaa koos nan deema.

Rabbii Allaahatu kenne; Rabbii Allaahatu fudhate;

maqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu."

Isaanis,

"Inni gaarii dha;

jaalalli inni Israaʼeliif qabu bara baraan jiraata"

jedhanii leellisuu fi galateeffachuudhaan Rabbii Allaah faarfatan. Sabni hundinuu sababii hundeen mana qulqullummaa Rabbii Allaah buufameef iyyee sagalee guddaadhaan Rabbii Allaah galateeffate.

Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha shamaayʼun sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii.

"Rabbii Allaah Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Allaahan biraa hin jiru.

"Qulqulluun akka Rabbii Allaah tokko iyyuu hin jiru;

si malees eenyu iyyuu hin jiru;

kattaan akka Allaah keenyaa tokko iyyuu hin jiru.

Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Qadmiiʼeel, Baaniin, Hashabniyaan, Sheereebiyaan, Hoodiyaa, Shebaniyaanii fi Phetaayaadhaan, "Kaʼaatii Rabbii Allaah keessan isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sana galateeffadhaa" jedhan.

"Maqaan kee inni ulfina qabeessi haa eebbifamu; eebbaa fi galata hundaa olittis ol ol haa jedhu.

Yoo mukni harbuu daraaruu baatee

iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu,

yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee

lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu,

yoo hoolonni gola keessaa,

loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,

ani garuu Rabbii Allaahatti nan gammada;

Allaah isa na fayyisutti nan gammada.

"Isinis na waammattu; dhuftaniis na duratti duʼaa godhattu; anis isin nan dhagaʼa.

Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

Seja o primeiro