O adultério
O adultério é pecado grave que destrói alianças, famílias e vidas. A Bíblia condena firmemente a infidelidade conjugal e chama à pureza, fidelidade e santidade no casamento.
A lei de Deus
Não adulterarás. Quem comete adultério destrói a própria alma. A Palavra de Deus é clara e direta sobre este pecado.
Hin ejjin.
" ‘Yoo namni niitii nama biraa wajjin jechuunis niitii ollaa isaa wajjin sagaagale namichi sagaagalee fi niitiin sagaagalte sun haa ajjeefaman.
" ‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
Namni sagaagalu qalbii hin qabu;
namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
Namni sagaagalu qalbii hin qabu;
namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha;
qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.
Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii;
inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu;
hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.
Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee
wayyaan isaa hin gubanne jiraa?
Namni ibidda cilee irra ejjetee
miilli isaa hin gubanne jiraa?
Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa;
namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.
Jesus ensina
Quem olhar para uma mulher com intenção impura já adulterou no coração. Jesus elevou o padrão da pureza.
"Isin akka, ‘Hin ejjin’ jedhame dhageessaniirtu. Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.
Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.
Innis akkana jedhee deebiseef; "Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata. Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti."
"Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata; namni dubartii dhirsa ishee hiikte fuudhus ejja raawwata.
Iisaadhaan akkana jedhan; "Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte. Muusaan Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?" Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan.
Iisaan garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe. Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, "Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu" jedheen. Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Iisaan immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe. Iisaanis ol jedhee, "Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?" jedheen.
Isheenis, "Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre" jetteen.
Iisaanis, "Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin" jedheen.]) hin qaban yookaan iddoo biraa yookaan immoo injiilota biraa keessa seensisan.
Armadilhas e consequências
Os lábios da mulher estranha destilam mel, mas o seu fim é amargo. Fuja da imoralidade — o adultério escraviza.
Hidhiin ejjituu damma coccobsa;
haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti;
akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa;
tarkaanfiin ishee qabriitti nama geessa.
Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu;
daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
Hidhiin ejjituu damma coccobsa;
haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti;
akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa;
tarkaanfiin ishee qabriitti nama geessa.
Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu;
daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa;
waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.
Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa;
balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif,
umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa;
balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif,
umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata;
dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa.
Dhuma jireenya keetiitti,
yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda.
Atis akkana jetta; "Ani akkamittin adabamuu jibbee!
Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate!
Ani barsiistota kootiif hin ajajamne
yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne.
Ani waldaa guutuu gidduutti
qarqara badiisaa gaʼeen ture."
Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti;
harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu;
yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta?
Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo
gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu
yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha;
namni dheekkamsa Rabbii Allaah jala jiru achi keessa buʼa.
Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.
Kanaafuu ani, "Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii" jedha. Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu.
Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Allaaha hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Allaahan ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Fedhiin Allaaha akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; kunis akka ormoota Allaah hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;
Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Allaahatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Allaaha taʼa.
Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde. Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.