Agradecimento pela vida
Agradecer pela vida é reconhecer que cada respiração é dom de Deus. Toda criatura que tem fôlego louve ao Senhor — porque Ele nos formou e nos sustenta com amor.
Wanni hafuura baafatu hundinuu Rabbii Allaah haa jajatu.
Haalleluuyaa.
Haalleluuyaa.
Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah galateeffadhu.
Ani bara jireenya koo guutuu Rabbii Allaah nan galateeffadha;
ani hamman jirutti Allaahaf nan faarfadha.
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,
lafeen koo si duraa hin dhokanne.
Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.
Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,
kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
Bara jireenya koo guutuu ani Rabbii Allaahaf nan faarfadha;
hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan Allaah koo nan galateeffadha.
Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu;
ani Rabbii Allaahatti nan gammadaatii.
Akka Rabbii Allaah taʼe beekaa;
isattu nu uume; nu kan isaa ti;
nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
Yaa Allaah, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa!
Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu;
atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
Burqaan jireenyaa si bira jiraatii;
nu ifa keetiin ifa argina.
Rabbii Allaah, sababii ati ol na fuutee
akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef,
ani sin jajadha.
Yaa Rabbii Allaah ko,
ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.
Rabbii Allaah, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte;
akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.
Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.
Ani sittin gammada; nan ililchas;
yaa Allaah Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.
yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin Allaah Abbaa galateeffadhaa.
Galata Sababii Eebba Al-Masiihiin Argamuu
Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii inni karaa Al-Masiihiitiin eebba hafuuraa hundumaan shamaayʼun irratti nu eebbise sun haa eebbifamu.
Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Allaahaf haa taʼu!
Allaah Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa. Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
Ol aantummaa Ilma Allaah
Inni fakkaattii Allaah hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa. Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni shamaayʼun keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.
Yeroo nyaattee quuftutti, sababii Rabbii Allaahan kee biyya gaarii akkasii siif kenneef isa jajadhu.
Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite;
lubbuu koos ni baraarte.
Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;
balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.
Yaa Rabbii Allaah ko,
ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
"Rabbii Allaah, yeroo lubbuun koo dadhabdetti
ani sin yaadadhe;
duʼaan koos gara kee
gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.