Ajuda
Deus é nosso auxílio e socorro em todo tempo. Ele não dorme nem cochila. O Senhor é nosso ajudador — não precisamos temer o que o homem possa nos fazer.
Gargaarsi koo Rabbii Allaah
shamaayʼunii fi lafa uume biraa dhufa.
Allaahan daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Kunoo, Allaahan gargaaraa koo ti;
Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
Fayyinni qajeeltotaa Rabbii Allaah biraa dhufa;
inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
Rabbii Allaahan isaan gargaara; isaan oolchas;
harka namoota hamoo jalaa isaan baasa;
isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.
Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko,
na gargaaruudhaaf ariifadhu!
Yaa Allaah Fayyisaa keenya,
ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;
maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi;
cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
Rabbii Allaahan haa eebbifamu!
Inni iyya duʼaa kootii naa dhagaʼeeraatii.
Rabbii Allaahan jabina koo fi gaachana koo ti;
garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.
Garaan koo baayʼee gammada;
anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
Utuu Rabbii Allaahan na gargaaruu baatee,
silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.
Ani Rabbii Allaahan kee
harka kee mirgaa nan qabaatii;
inni, ‘Hin sodaatin;
ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.
Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;
Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan duʼaa gochuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen duʼaa nuuf godha. Inni garaa keenya qoru sun yaada Hafuuraas ni beeka; Hafuurri akka fedhii Allaahatti qulqullootaaf duʼaa godhaatii.
Garaa kee guutuun Rabbii Allaah amanadhu;
hubannaa kees hin abdatin;
karaa kee hunda keessatti isa dursi;
innis daandii kee siif qajeelcha.
Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.