Publicidade

Aliança

Por Bíblia Online

A aliança é o modo como Deus se relaciona com seu povo. Da aliança com Noé à Nova Aliança em Cristo, Deus se compromete com amor e fidelidade irrevogáveis.

Alianças com Israel

Deus firmou aliança com Abraão, Moisés e Davi. No arco-íris, na lei, nas promessas — Ele é o Deus da aliança.

Ergasii Allaahan Nuuhii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe; "Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa. Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa. Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa."

Allaahan akkana jedhe; "Mallattoon kakuu kan ani ofii kootii fi isin gidduutti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii isin bira jiran hunda gidduutti, dhaloota dhufuuf jiru hundaaf galu kanaa dha. Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa.

Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa."

Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa.

Gaafa sanas Rabbii Allaahan akkana jedhee Ibraam wajjin kakuu gale; "Ani biyya laga Gibxii jalqabee hamma laga Efraaxiis guddichaatti jiru kana sanyii keetiif nan kenna; kunis biyya Qeenotaa, Qeneezotaa, Qadmoonotaas, kan Heetotaa, Feerzotaa, Refaayimootaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa Girgaashotaatii fi kan Yebuusotaa jechuu dha."

Ibraamis adda isaatiin lafatti gombifame; Allaahanis akkana isaan jedhe; "Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: Ati abbaa saba baayʼee taata. Ati siʼachi Ibraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Ibraahim taʼa. Ani akka ati guddaa baayʼattu nan godha; akka sabni hedduun si keessaa argamu nan godha; mootonnis si keessaa ni argamu. Ani Allaah keetii fi Allaah sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba. Biyya Kanaʼaan guutuu lafa ati amma orma taatee jiraattu kana ani dhaala bara baraa godhee siʼii fi sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna; anis Allaah isaanii nan taʼa."

Allaahan Ibraahimiin akkana jedhe; "Ati immoo kakuu koo eeguu qabda; ati, sanyiin kee warri si duubaas dhaloota isaanii keessatti kakuu koo eeguu qabdu. Kakuun koo kan isin anaa fi siʼi gidduutti, sanyii kee kan siʼi duubaan dhufu gidduuttis eeguu qabdan kanaa dha; innis isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabatu. Qola keessan dhagna qabadhaa; kunis kakuu anaa fi isin gidduu jiruuf mallattoo taʼa.

Waggaa kudha afuraffaatti Kedoorlaaʼomerii fi mootonni isa wajjin turan baʼanii warra Refaayiim Ashteroot Qaarnaayimiitti, warra Zuuziim Haamitti, warra Eemiim Shaawii Kiriyaataayimiitti,

Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee,

"Anis daarii kee Galaana Diimaadhaa jalqabee hamma Galaana Filisxeemiitti, lafa alootii jalqabee hamma Laga Efraaxiisiitti siifin dhaaba. Namoota biyya sana jiraatanis dabarsee harka keetti nan kenna; ati immoo of duraa ariitee isaan baafta. Ati isaan wajjin yookaan waaqeffatamtoota isaanii wajjin kakuu tokko illee hin galin.

Kana irratti Rabbii Allaahan akkana jedhe; "Kunoo ani si wajjin kakuu nan gala. Ani fuula saba kee hundaa duratti dinqiiwwan kanaan dura saba kam iyyuu keessatti, addunyaa hunda keessatti takkumaa hin hojjetamin nan hojjedha. Sabni ati keessa jiraattus akka hojiin ani Rabbii Allaahan siif hojjedhu hammam sodaachisaa taʼe ni arga.

Muusaanis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Rabbii Allaah bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.

Muusaanis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Rabbii Allaah bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.

Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse.

Kanaafuu akka Rabbii Allaahan kee Allaah taʼe beeki; inni Allaah amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha.

Alianças renovadas

O povo renovava a aliança diante do Senhor. A fidelidade de Deus permanece mesmo quando o povo falha.

Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman. Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen, bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Aadam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan. Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Rabbii Allaah baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan.

Ergasiis Yehooyaadaan akka isaan saba Rabbii Allaah taʼaniif jedhee Rabbii Allaah fi mootii fi saba gidduutti kakuu dhaabe. Akkasumas mootichaa fi saba gidduutti kakuu ni dhaabe.

Mootichis utubaa bira dhaabatee akka Rabbii Allaah duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee akkasiin dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hojii irra oolchu fuula Rabbii Allaah duratti kakuu ni haaromse; ergasiis sabni hundi kakuu ni haaromse.

Kanaafuu yeroo sanatti Yehooraam mootichi Samaariyaadhaa kaʼee saba Israaʼel hunda duulaaf hiriirse. Innis, "Mootiin Moʼaab natti fincileera; Moʼaabin loluudhaaf ati na wajjin ni baataa?" jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatti ergaa ergate.

Yehooshaafaaxis, "Ani si wajjin nan baʼa; ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti" jedhee deebiseef.

Kanaafuu Yoonaataan, "Rabbii Allaahan diinota Daawud itti gaafatamtoota haa godhu" jedhee mana Daawud wajjin kakuu seene. Yoonaataan sababii akkuma lubbuu ofii isaatti Daawudin jaallateef akka inni amma illee isaaf kakatu godhe.

Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; "Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Haaruun lubicha sanaa dheekkamsa koo Israaʼeloota irraa deebiseera; inni akka ani hinaaffaa kootiin isaan hin balleessineef, akkuma ani ulfina kootiif isaan gidduutti hinaafu sana innis hinaafeeraatii. Kanaafuu kunoo akka ani kakuu koo kan nagaa isa wajjin godhadhu itti naaf himi. Sababii inni ulfina Allaah isaatiif hinaafee Israaʼelootaaf araara buuseef, innii fi sanyiin isaa kakuu lubummaa kan bara baraa qabaatu."

Muusaan yommuu Rabbii Allaah wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. Rabbii Allaahan isa wajjin dubbate.

Uleen Haaruun Late

Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi. Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Haaruun ulee Lewwii irratti barreessi. Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi. Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta."

Muusaan Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Haaruunis uleewwan sana keessa ture. Muusaanis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Rabbii Allaah dura kaaʼe.

Guyyaa itti aanutti Muusaan dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Haaruun kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge. Muusaan ulee sana hunda fuula Rabbii Allaah duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.

Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ulee Haaruun fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa." Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe.

Naaʼod

Ammas Israaʼeloonni fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjetan; sababii isaan waan hamaa kana hojjetaniif Rabbii Allaahan akka Egloon mootiin Moʼaab harka isaa isaanitti cimsuuf dabarsee isaan kenne. Innis Amoonotaa fi Amaaleqoota walitti qabatee Israaʼeloota waraane; isaanis Magaalaa Meexxii qabatan.

Nova Aliança

Eis que dias vêm em que farei nova aliança. Jesus é mediador de uma aliança superior, fundamentada em melhores promessas.

"Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,

mana Yihuudaa wajjinis

kakuu haaraa galu ni dhufa,"

jedha Rabbii Allaahan.

"Kakuun kunis kakuu ani,

yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee

harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,

kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu

isaan cabsan sanaan tokko miti"

jedha Rabbii Allaahan.

"Kakuun ani yeroo sana booddee

mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha" jedha Rabbii Allaahan.

"Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;

garaa isaanii keessattis nan barreessa.

Ani Allaah isaanii nan taʼa;

isaanis saba koo taʼu.

Sababii hundi isaanii,

xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,

siʼachi namni kam iyyuu, Rabbii Allaah beekijedhee

ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu"

jedha Rabbii Allaahan.

"Ani yakka isaanii nan dhiisaaf;

cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu."

"Rabbii Allaahan akkana jedha; Yoo isin akka halkanii fi guyyaan yeroo isaanii kennametti hin dhufneef kakuu ani halkan wajjin galee fi kakuu ani guyyaa wajjin gale sana cabsuu dandeessan, kakuun ani garbicha koo Daawud wajjin galee fi kakuun ani Lewwota luboota taʼanii fuula koo dura tajaajilan wajjin gale sun cabuu dandaʼa; Daawudis siʼachi sanyii teessoo isaa irra taaʼee bulchu hin qabaatu.

Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Al-Masiihiin araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.

Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Al-Masiihiin araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.

Garuu akkuma kakuun inni Iisaa gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.

Eebbaa fi Dhaamsa Nagaa Xumuraa

Allaahan nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Iisaa, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun, akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Iisaa Al-Masiihiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Iisaa Al-Masiihiif haa taʼu. Ameen.

Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.

Kunis akka fakkeenyaatti fudhatamuu dandaʼa; dubartoonni kunneen kakuuwwan lamaan argisiisu. Kakuun tokko kan Tulluu Siinaa ti; kunis garbummaaf ijoollee horti; isheenis Haagaari. Egaa Haagaar akka Tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessaa ti; isheenis magaalaa Yerusaalem ishee yeroo ammaatti fakkeeffamti; magaalaan kun ijoollee ishee wajjin garbummaa keessa jirtiitii. Yerusaalem isheen shamaayʼun irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya.

Fidelidade da aliança

A aliança de Deus é eterna. Ele não quebra seu pacto nem altera o que saiu dos seus lábios.

Jaalalli Rabbii Allaah garuu bara baraa hamma bara baraatti

warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;

qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

warra kakuu isaa eeganitti,

warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.

"Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana" jedha Rabbii Allaahan. "Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu" jedha Rabbii Allaahan.

" Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan gala; akka isaan gammoojjii keessa jiraatanii bosona keessa nagaan ciciisaniif bineensota hamoo biyyattii keessaa nan baasa.

Rabbii Allaahan mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Bulchaan kunis Torbantokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa Torbansanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba."

"Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha. Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti.

Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata. Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu.

"Ani ija koo wajjin kakuu galeera;

yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?

Ogummaatu dubartii ganda labee,

niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;

niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee

kakuu fuula Allaaha duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-