Publicidade

Alimento

Por Bíblia Online

O alimento é provisão de Deus para o corpo e a alma. Jesus disse: Eu sou o pão da vida. A Bíblia ensina a receber com gratidão, partilhar com generosidade e confiar no Provedor.

O pão da vida

Jesus disse: Eu sou o pão da vida. Quem vem a mim nunca terá fome. O alimento espiritual sacia plenamente.

Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.

Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Allaahan Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii."

Iisaan immoo deebisee, " Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu jedhamee barreeffameera" jedheen.

Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;

isaan ni quufuutii.

Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.

Hin Yaaddaʼinaa

"Kanaafuu ani isinittin hima; Maal nyaanna yookaan maal dhugna?jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan maal uffanna?jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?

Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;

Provisão divina

Deus provê alimento em abundância. Ele multiplica pães e peixes, enche os famintos e supre toda necessidade.

Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.

inni warra dheebotan dheebuu baasee

warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.

Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa shamaayʼun banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.

Namni arjaan ni badhaadha;

namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti;

inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.

Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; "Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Rabbii Allaah jabina keessan taʼeef hin gaddinaa."

Gratidão e moderação

Nada trouxemos para o mundo e nada levaremos. Tudo o que fizerdes, fazei para a glória de Deus — inclusive comer e beber.

Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.

Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Allaahatiif hojjedhaa.

Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. Allaahas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.

Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Allaahan isa ofitti qabeeraatii.

Sirna Foonii Jalaa Bilisa Baʼuu

Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin. Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Al-Masiihii keessa jira.

Innis gad si deebisee si beelessee "mannaa" ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Rabbii Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.

Uumamawwan bishaan keessa jiraatan hunda keessaa warra qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu. Garuu warra qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan isiniif qulqulluu miti.

Ergasii Allaahan akkana jedhe; "Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera.

Wanni jiraatuu fi wanni munyuuqu hundi nyaata isiniif ni taʼa. Ani akkuman biqila lalisaa isinii kenne sana ammas waan hunda isiniif nan kenna.

"Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa.

Hamma torban sadan sun raawwatamanitti ani nyaata filatamaa tokko illee hin nyaanne; fooni yookaan daadhiin wayinii afaan koo hin seenne; dibata tokko illees hin dibanne.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-