Pular para o conteúdo
Publicidade

Amor incondicional

Por Bíblia Online

O amor incondicional de Deus não depende de mérito humano. Ele nos amou quando ainda éramos pecadores. Esse amor não tem limites, não cobra preço e não pode ser perdido.

Amor sem condições

Deus prova o seu amor em que Cristo morreu por nós sendo nós ainda pecadores. O amor de Deus é gratuito e irrevogável.

Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.

Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa. Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.

sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Allaaha irraa citaniiruutii; isaanis ayyaana Allaaha isa furama karaa Al-Masiihi Iisaatiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.

Jaalala Al-Masiihii irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee?

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre. Garuu Allaahan araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Al-Masiihii wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Yommuu gaarummaa fi jaalalli Fayyisaa keenya Allaaha mulʼatetti garuu, inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise; hafuurri kunis isa Allaahan karaa Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihiin arjummaadhaan nurratti dhangalaase sana;

Amor eterno

Com amor eterno te amei. O amor de Deus é mais largo, mais alto e mais profundo do que podemos compreender.

Rabbii Allaahan fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe:

"Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera;

kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.

Allaah shamaayʼuniitiif galata galchaa.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Rabbii Allaah, araarri kee shamaayʼuniiwwan bira,

amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.

Michuun yeroo hunda nama jaallata;

obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.

Allaahan akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Allaaha nu gidduutti mulʼateera.

Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.

Iisaa Al-Masiihiin lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.

Amar como Deus ama

O amor é paciente e bondoso. Amai os vossos inimigos. O amor incondicional se expressa no perdão e na compaixão.

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.

Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.

Diina Jaallachuu

" Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbiakka jedhame dhageessaniirtu. Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis duʼaa godhaa; kanaanis abbaa keessan kan shamaayʼun irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa. Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii? Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii? Akkuma abbaan keessan inni shamaayʼun irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.

Diina Ofii Jaallachuu

"Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis duʼaa godhaa.

Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.

Seja o primeiro