Ano novo
O Ano Novo é oportunidade de renovação e consagração. A Bíblia convida a esquecer o que ficou para trás e avançar em fé, confiança e esperança em Deus.
Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha; badhaasa Allaahan Al-Masiihi Iisaadhaan ol shamaayʼunitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
Iddoo Yaadame Gaʼuuf Fiiguu
Al-Masiihi Iisaan waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti. Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha; badhaasa Allaahan Al-Masiihi Iisaadhaan ol shamaayʼunitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Allaahan isinii ibsa.
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
Abdii Jiraataadhaaf Allaah Galateeffachuu
Allaaha fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
Yaa Allaah, garaa qulqulluu na keessatti uumi;
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Fuula kee duraa na hin balleessin;
Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
Rabbii Allaah duratti calʼisi;
obsaanis isa eeggadhu;
nama karaan isaa qajeeleefitti,
kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
Akka Rabbii Allaahan gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Warri Rabbii Allaah abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.
Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqeffatamtoota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna. Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Allaahan jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Allaahan garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba. Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.
Waaʼee Boriitiif of jajuu
Egaa isin warri, "Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna" jettan mee dhagaʼaa. Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha. Qooda kanaa isin, "Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna" jechuu qabdu. Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha. Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.