Arca da aliança
A Arca da Aliança era o símbolo mais sagrado de Israel — representava a presença de Deus no meio do seu povo. Sobre ela brilhava a glória do Senhor entre os querubins.
"Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture. Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi. Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi. Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi. Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi. Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban. Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi.
"Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu. Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi. Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi. Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan. Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi.
Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
Bezaliʼeel muka laaftoo irraa taabota tolche; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe: "Guyyaa jalqaba jiʼa jalqabaatti dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dhaabi. Taabota kakuu seeraa isa keessa kaaʼiitii taaboticha golgaadhaan daʼeessi.
Dhuga baʼumsa sana fuudhee taabota keessa kaaʼe; danqaraawwanis taabotatti hidhe; teessoo araaraa immoo taabota gubbaa kaaʼe. Muusaan akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti taabota sana dunkaana qulqulluutti ol galchee golgaa daʼeessu fanniseef; taabota kakuu seeraa sanas daʼeesse.
Muusaan yommuu Rabbii Allaah wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. Rabbii Allaahan isa wajjin dubbate.
Isaan tulluu Rabbii Allaah irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Rabbii Allaahas iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme. Duumessi Rabbii Allaah sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Muusaan akkana jedha ture;
"Rabbii Allaah, kaʼi!
Diinonni kee haa bittinneeffaman;
warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan."
Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture;
"Rabbii Allaah,
gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi."
Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi. Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Haaruun ulee Lewwii irratti barreessi. Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi. Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta."
Muusaan Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Haaruunis uleewwan sana keessa ture. Muusaanis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Rabbii Allaah dura kaaʼe.
Guyyaa itti aanutti Muusaan dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Haaruun kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge. Muusaan ulee sana hunda fuula Rabbii Allaah duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.
Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ulee Haaruun fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa." Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe.
Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman. Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen, bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Aadam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan. Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Rabbii Allaah baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan.
Luboonnis taabota kakuu Rabbii Allaah baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe.
Yeroo sanatti Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuus ol hin seenu ture.
Rabbii Allaahanis Yushuʼaadhaan akkana jedhe; "Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera. Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa. Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan. Yommuu isaan sagalee malakataa dheeraa isaa dhageessisanitti namni hundinuu sagalee guddaadhaan haa iyyu; dallaan magaalaa sanaa yommusuma jiga; namoonnis ol baʼu; namni hundinuus qajeelee itti seena."
Kanaafuu Yushuʼaan ilmi Nuuni luboota ofitti waamee, "Taabota kakuu Rabbii Allaah fuudhaatii luboonni torba malakata baatanii isa dura haa deeman" jedheen. Namootaanis, "Fuula duratti deemaatii magaalaa sana irra naannaʼaa; loltoonni hidhatanis taabota Rabbii Allaah dura haa deeman" jedhe.
Yommuu malakanni afuufametti namoonni ni iyyan; yommuu sagaleen malakata sanaa dhagaʼamee namoonnis sagalee guddaadhaan iyyanitti dallaan magaalaa sanaa ni kufe. Kanaafuu namni hundi fuul duratti girrisee seenuudhaan magaalaa sana qabate.
Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman. Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, "Harʼa Rabbii Allaahan maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu Rabbii Allaah Shiiloodhaa haa fidnu" jedhan.
Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Allaaha wajjin achi turan.
Yommuu taabonni kakuu Rabbii Allaah gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan. Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, "Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?" jedhanii gaafatan.
Yommuu akka taabonni kakuu Rabbii Allaah achi gale hubatanittis, Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; "Allaahan tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku. Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqeffatamtoota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqeffatamtoota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha. Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!"
Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde. Taabonni Allaaha ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.
Harki Rabbii Allaah saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe. Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, "Sababii harki isaa nuu fi Allaah keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Allaah Israaʼel as turuu hin qabu" jedhan. Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Allaah Israaʼel maal gochuu qabna?" jedhanii isaan gaafatan.
Isaanis, "Taabota Allaah Israaʼel gara Gaati geessaa!" jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Allaah Israaʼel achii baasan.
Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Rabbii Allaah magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe. Kanaafuu taabota Allaaha gara Eqroonitti ergan.
Akkuma taabonni Allaaha Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, "Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Allaaha nutti fiddan" jedhanii iyyan. Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Allaah Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa" jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Allaahas akka malee itti jabaatee ture.
Taabonni Rabbii Allaahas Filisxeem keessa jiʼa torba ture. Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, "Taabota Rabbii Allaah maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa" jedhaniin.
Isaanis deebisanii, "Yoo taabota Allaah Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu" jedhaniin.
Isaanis akkasuma godhan. Saawwan lamaan fuudhanii gaariitti camadan; jabboota isaanii manatti deebisanii itti cufan. Isaanis taabota Rabbii Allaah sana gaariitti feʼan. Sanduuqa hantuuta warqeetii fi fakkii iitoo baatu sanas isa wajjin feʼan. Saawwan sunis karaa qabatanii utuu bitaa mirgatti hin gorin marʼachaa gara Beet Shemeshitti qajeelan. Bulchitoonni Filisxeemotaas hamma daarii Beet Shemeshitti isaan faana buʼan.
Yeroo sanattis namoonni Beet Shemeshi sulula keessaa qamadii haamaa turan; isaanis yommuu ol jedhanii taabota sana arganitti akka malee gammadan. Gaariin sunis lafa qotiisaa Yushuʼaa nama Beet Shemeshi bira gaʼee kattaa guddaa tokko cina dhaabate. Namoonnis muka gaarii sanaa falaxanii saawwan sana aarsaa gubamu godhanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessan. Warri Lewwotaas taabota Rabbii Allaah sanduuqicha miʼa warqee baatu sana wajjin gad buusanii kattaa guddaa irra kaaʼan; gaafuma sanas namoonni Beet Shemeshi aarsaa gubamuu fi qalma Rabbii Allaahaf dhiʼeessan.
Kanaafuu namoonni Kiriyaati Yeʼaariim dhufanii taabota Rabbii Allaah fudhatanii ol baʼan. Isaanis gara mana Abiinaadaab kan gaara irra jiruutti geessan; akka inni taabota Rabbii Allaah eeguufis ilma isaa Eleʼaazaarin qulqulleessan.
Taabonni sun erga gara Kiriyaati Yeʼaariim geeffamee yeroo dheeraa dha; walumaa galatti waggaa digdama taaʼe. Sabni Israaʼel hundinuus booʼichaan Rabbii Allaahatti deebiʼe.
Yeroo kanatti, "Rabbii Allaahan sababii taabota Allaahatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise" jedhanii Daawud Mootichatti himan. Kanaafuu Daawud gad buʼee taabota Allaaha sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawuditti fide. Innis akkuma namoonni taabota Rabbii Allaah baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse. Daawudis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Rabbii Allaah duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture; innii fi Israaʼel hundi "hoo" jechaa sagalee malakataatiin taabota Rabbii Allaah fidan.
Ergasii Suleyimaan Mootichi Xiyoon Magaalaa Daawud irraa taabota kakuu Rabbii Allaah ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti fuula ofii isaa duratti walitti waame. Israaʼeloonni hundinuus jiʼa Eetaaniim, jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti Suleyimaan Mooticha biratti walitti qabaman.
Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti luboonni taaboticha ol fuudhan; isaanis taabota Rabbii Allaah sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Luboonnii fi Lewwonnis baatanii ol isaan fidan; Suleyimaan Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.
Luboonnis ergasii taabota kakuu Rabbii Allaah sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan. Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan gaaddiseessan. Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii Iddoo Qulqulluu fuula iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu Iddoo Qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru. Taabota sana keessa gabateewwan dhagaa kanneen Muusaan Kooreebitti iddoo Rabbii Allaahan erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.
Akkuma luboonni Iddoo Qulqulluu sana keessaa baʼaniin duumessi mana qulqullummaa Rabbii Allaah guute. Luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Rabbii Allaah mana qulqullummaa isaa guutee tureetii.
"Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa" jedha Rabbii Allaahan; "Ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida. Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna. Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti," jedha Rabbii Allaahan, "Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Rabbii Allaah’ hin jedhan." Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu.
Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture. Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, "Iddoo Qulqulluu" jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture. Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, "Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu" jedhamu tokkotu ture. Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Haaruun inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame. Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
Manni qulqullummaa Allaaha kan shamaayʼun keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.