Publicidade

Beleza

Por Bíblia Online

A verdadeira beleza vem de dentro. A Bíblia ensina que o encanto é enganoso e a formosura é vã, mas a mulher que teme ao Senhor — essa sim merece louvor.

Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;

dubartiin Rabbii Allaah sodaattu garuu galateeffamtuu dha.

Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Allaaha duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.

Rabbii Allaahan garuu Saamuʼeeliin, "Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Rabbii Allaahan waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Rabbii Allaahan garuu waan garaa keessa jiru ilaala" jedhe.

Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada; isaanis akkuma dubartoota, "Nu Allaah sodaanna" jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha;

ati mudaa tokko illee hin qabdu.

Kanaafuu Allaahan akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Allaahatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Allaahan duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Al-Masiihi Iisaatiin uumamne.

Ulfina Xiyoon

"Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi;

ulfinni Rabbii Allaah siif baʼeera.

Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;

dubbiin Allaah keenyaa garuu bara baraan ni jiraata."

Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu

Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.

Hin Yaaddaʼinaa

"Kanaafuu ani isinittin hima; Maal nyaanna yookaan maal dhugna?jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan maal uffanna?jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-