Colheita
A colheita é princípio bíblico universal: colhemos o que semeamos. Quem semeia na fé e obediência colherá bênçãos abundantes do Senhor.
Semear e colher
Quem semeia no Espírito, do Espírito colherá vida eterna. Não nos cansemos de fazer o bem — ao tempo certo colheremos.
Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.
Hin gowwoominaa; Allaahatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.
Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.
Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.
Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.
Fidelidade na semeadura
Honra ao Senhor com as tuas primícias. O Senhor abrirá as janelas do céu e derramará bênção sem medida.
Qabeenya keetiin,
mataa midhaan keetii hundaanis Rabbii Allaah kabaji;
Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa shamaayʼun banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
" ‘Yoo isin sirna koo duukaa buutanii ajajawwan koos eegdanii hojii irra oolchitan, ani yeroo isaatti bokkaa isiniifan kenna; lafti midhaan ishee, mukkeen dirrees ija isaanii ni kennu.
Mee simbirroota shamaayʼun ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
Wayiniin gogeera;
harbuunis coollageera;
roomaaniin, meexxii fi hudhaan,
mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.
Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa
irraa badeera.
Yoo mukni harbuu daraaruu baatee
iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu,
yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee
lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu,
yoo hoolonni gola keessaa,
loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
ani garuu Rabbii Allaahatti nan gammada;
Allaah isa na fayyisutti nan gammada.