Pular para o conteúdo
Publicidade

Comunhão com os irmãos

Por Bíblia Online

A comunhão com os irmãos é marca da igreja verdadeira. Os cristãos primevos perseveravam na comunhão — partindo pão, orando e encorajando-se mutuamente.

Comunhão verdadeira

Perseveravam na doutrina dos apóstolos e na comunhão. A comunhão autêntica envolve amor sacrificial e acolhimento mútuo.

Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.

Tokkummaa Amantootaa

Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Allaah duratti duʼaa gochuuttis ni jabaatan. Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame. Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. Allaahas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,

akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!

Kun akka zayitii gatii guddaa

kan mataa irratti dhangalaafamee,

akka isa areeda irra gad yaaʼuu,

areeda Haaruun irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.

Innis akkuma fixeensa Hermoon,

kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti.

Achi irratti Rabbii Allaahan hamma bara baraatti eebba isaa,

jireenyas ajajeeraatii.

Tokkummaadhaan mana Allaaha walii wajjin deemne;

haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.

Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif

nama tokko irra nama lama wayya:

Yoo inni tokko kufe,

inni kaan ol isa qaba.

Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne

garaa nama nyaata!

Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa;

nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?

Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;

namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.

Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.

Amor fraternal

Amai-vos com amor fraternal sincero. Encorajem-se mutuamente e carreguem os fardos uns dos outros.

Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.

Guungummii malee wal keessumsiisaa.

Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.

Gad Of qabuu Al-Masiihii Duukaa Buʼuu

Kanaafuu gorsa Al-Masiihiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa.

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa.

Akkuma Allaahan karaa Al-Masiihiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

Hafuuraan Jiraachuu

Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu. Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Iisaa cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Allaahan jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.

"Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.

Seja o primeiro