Publicidade

Confiança

Por Bíblia Online

A confiança em Deus é âncora da alma em tempos de tempestade. Quem confia no Senhor não será abalado — porque o Deus fiel sustenta, protege e guia os que nele esperam.

Confiança inabalável

Tudo posso naquele que me fortalece. O meu Deus suprirá toda necessidade. Quem confia não será confundido.

Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

Allaahan koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Al-Masiihi Iisaadhaan isiniif guuta.

inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Al-Masiihi Iisaatti akka raawwatu nan amana.

Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Allaahan nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?

ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

Namni daʼoo Allaah Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,

gaaddisa Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.

Anis Rabbii Allaahan, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;

Allaah koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.

Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Allaaha keessa jira;

kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Allaaha.

Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.

Allaah ani dubbii isaa jajadhu,

Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.

Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?

Fundamento de confiança

Deus não é homem para que minta. Todas as suas promessas são firmes. Confiar em Deus é segurança absoluta.

Allaahan nama miti; inni hin sobu;

yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti.

Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu?

Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?

Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Allaahan,

"Ani gonkumaa si hin dhiisu;

gonkumaas si hin gatu"

jedheeraatii.

Kanaaf nu ija jabinaan,

"Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.

Namni maal na gochuu dandaʼa?" jenna.

Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Al-Masiihi Iisaatiin qabdu jabeessii qabadhu.

Sossobachuun Haaromfame

Kanaafuu yaa ilma ko, ayyaana Al-Masiihi Iisaatiin jabaadhu.

Garaa kee guutuun Rabbii Allaah amanadhu;

hubannaa kees hin abdatin;

karaa kee hunda keessatti isa dursi;

innis daandii kee siif qajeelcha.

Garaa kee guutuun Rabbii Allaah amanadhu;

hubannaa kees hin abdatin;

karaa kee hunda keessatti isa dursi;

innis daandii kee siif qajeelcha.

Waan hojjettu hunda Rabbii Allaahatti kennadhu;

karoorri kees siif milkaaʼa.

Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa;

kan Rabbii Allaah amanatus eebbifamaa dha.

Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa;

kan Rabbii Allaah amanatu garuu nagaadhaan jiraata.

Confiar em todas as coisas

Não pertenço ao mundo — minha cidadania é do céu. A confiança cristã repousa na fidelidade de Deus, não nas circunstâncias.

Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.

Iisaanis, " Yoo dandeessejettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.

Iisaanis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Allaahaf ni dandaʼama" jedhee deebise.

Mee simbirroota shamaayʼun ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?

"Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa."

"Namni Rabbii Allaah amanatu,

kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.

Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame,

kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa.

Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu;

baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha.

Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu;

ija naqachuus hin dhiisu."

Yommuu ati bishaan keessa dabartu,

ani si wajjinan jira;

yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan.

Yommuu ibidda keessa deemtu,

ati hin gubattu;

arrabni ibiddaas si hin gubu.

Ija jabinni nu fuula Allaaha duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.

Ija jabinni nu fuula Allaaha duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.

Kanaafuu jaalala Allaahan nuuf qabu beekneerra; amanneerras.

Allaahan jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Allaah keessa jiraata; Allaahanis isa keessa jiraata.

Waaʼee Falmii Fooniin Mulʼachuu Al-Masiihii

Yaa michoota, hafuuronni kan Allaaha taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; nabiiʼiyyoonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.

Esperar com confiança

O Senhor está perto de todos os que o invocam. Na espera confiante encontramos descanso e direção divina.

Rabbii Allaahan warra isa waammatan hundatti,

warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.

Ani waanan si amanadheef,

akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.

Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,

karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.

Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;

kan si eegu hin mugu;

Rabbii Allaah amanadhu; waan gaariis hojjedhu;

biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.

Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse,

kan ati fuula namootaa duratti

warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!

Ani shamaayʼun keessaa eenyunan qaba?

Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.

Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.

Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.

Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-