Contentamento
O contentamento é a arte de estar satisfeito com o que Deus provê. Não é conformismo, mas confiança de que Deus supre toda necessidade segundo suas riquezas.
Aprender a estar contente
Aprendi a viver contente em toda situação. O contentamento com a piedade é grande fonte de lucro.
Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii.
Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera.
Allaahatti buluun, "Wanni ani qabu na gaʼa" jechuu of keessaa qabaannaan kun dhugumaan faayidaa guddaa qaba.
Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.
Livre da avareza
Guardai-vos da ganância. Seja o viver sem cobiça, contentando-vos com o que tendes. Deus nunca nos desamparará.
Innis, "Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii" jedheen.
Gidduu sana yommuu tuunni namoota kuma hedduu tokko hamma isaan wal irra ejjetanitti walitti qabametti, Iisaan duraan dursee barattoota isaatiin akkana jechuu jalqabe; "Raacitii Fariisotaa irraa of eeggadhaa; kunis fakkeessitummaa dha. Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiru. Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.
"Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee jahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa. Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Allaahan hin irraanfatu. Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
"Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula malaʼikkoota Allaaha duratti dhugaa ni baʼa. Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula malaʼikkoota Allaaha duratti ni ganama. Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu hundaaf ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu hin dhiifamu.
"Yommuu manneen sagadaa, bulchitootaa fi abbootii taayitaa duratti dhiʼeeffamtanitti akkamitti akka falmattan yookaan maal akka jettan hin yaaddaʼinaa. Hafuurri Qulqulluun yeruma sana Waan isin jechuu qabdan isin barsiisaatii."
Tuuta sana keessaa namichi tokko, "Yaa Barsiisaa, akka obboleessi koo dhaala naa hiruuf maaloo itti naa dubbadhu" jedheen.
Iisaan garuu deebisee, "Namana, eenyutu isin gidduutti abbaa murtii yookaan hirtuu dhaalaa na godhe?" jedheen. Innis, "Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii" jedheen.
Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; "Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef. Namichi sunis, ‘Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaade.
"Innis akkana jedhe; ‘Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha. Lubbuu kootiinis, "Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis" nan jedha.’
"Allaahan garuu, ‘Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?’ jedheen.
"Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Allaaha duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa."
Iisaanis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii. Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Allaahan isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu! Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu? Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?
"Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Suleyimaan iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne. Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Allaahan erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree. Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa. Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka. Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.
"Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii. Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes shamaayʼun irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa. Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.
"Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa; akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa. Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila. Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha. Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii."
Phexrosis, "Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo nama hundumatti himta?" jedhee gaafate.
Gooftaanis akkana jedhee deebise; "Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu? Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe, gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.
"Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama. Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama.
"Ani ibidda lafa irra buusuufin dhufe; utuu inni ammuma iyyuu qabatee ani akkam hawwa! Garuu cuuphaa ani cuuphamu tokkotu jira; hamma inni raawwatamutti ani akka malee nan dhiphadha! Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe seetuu? Akkas miti; ani isinittin hima; ani gargar baʼuu fiduufan dhufe malee nagaa buusuuf hin dhufne. Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa. Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu."
Iisaanis tuuta sanaan akkana jedhe; "Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, ‘Bokkaan ni rooba’ jettu; innis ni rooba. Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, ‘Ni hoʼa’ jettu; innis ni hoʼa. Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi shamaayʼuniitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?
"Isin maaliif ofuma keessanii waan qajeelaa hin murteessine? Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata. Ani sitti nan hima; ati hamma saantima ishee dhumaa of irraa baaftutti achii hin baatu."
Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Allaahan,
"Ani gonkumaa si hin dhiisu;
gonkumaas si hin gatu"
jedheeraatii.
"Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?
Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa
waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
Paz e confiança
Quando sou fraco, sou forte. Na presença de Deus encontramos contentamento que o mundo não pode oferecer.
Ani waaʼee Al-Masiihiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.
Kana irratti Ayyuub uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe:
"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;
qullaa koos nan deema.
Rabbii Allaahatu kenne; Rabbii Allaahatu fudhate;
maqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu."
Fiiliphoos, "Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kun nu gaʼaatii" jedheen.