Publicidade

Corpo é o templo de Deus

Por Bíblia Online

O corpo do cristão é templo de Deus. Ele habita em nós pelo Espírito Santo, fazendo do crente morada viva e sagrada do Altíssimo.

Templo do Deus vivo

Vós sois o templo do Deus vivo. Deus disse: habitarei neles e entre eles andarei. O criador mora em sua criação redimida.

Isin akka mana qulqullummaa Allaaha taatanii fi akka Hafuurri Allaaha isin keessa jiraatu hin beektanii? Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Allaaha balleesse, Allaahan isa ni balleessa; manni qulqullummaa Allaaha qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.

Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Allaah irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Allaahaf ulfina kennaa.

Manni qulqullummaa Allaaha waaqeffatamtoota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Allaah jiraataa ti. Allaahanis akkana jedhee dubbateera;

"Ani isaan wajjin nan jiraadha;

isaan gidduus nan deddeebiʼa.

Ani Allaah isaanii nan taʼa;

isaanis saba koo ni taʼu."

Kanaafuu isin siʼachi saba Allaaha wajjin lammii fi miseensota warra mana Allaaha jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti; isin hundee ergamootaa fi nabiiʼiyyootaa irratti ijaaramtaniirtu; Al-Masiihi Iisaan ofii isaatii mataa dhagaa golee ti. Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata. Isinis isumaan mana Allaahan Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.

Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Allaah. Muusaan waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Allaaha hunda keessatti amanamaa ture. Al-Masiihiin garuu akka Ilmaatti mana Allaaha irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.

Muusaan waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Allaaha hunda keessatti amanamaa ture. Al-Masiihiin garuu akka Ilmaatti mana Allaaha irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.

Cristo em nós

Já não sou eu quem vive, mas Cristo vive em mim. A presença de Deus no crente é privilégio e responsabilidade sagrada.

Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.

Amantiidhaan Cimanii Dhaabachuu

Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Iisaatiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan waan luba guddaa mana Allaaha irratti qabnuuf, kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Allaahatti dhiʼaannaa.

Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Allaaha kan addaa taataniirtu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-