Publicidade

Criação

Por Bíblia Online

A criação revela a glória de Deus. Céus, terra, mares e tudo o que existe testemunham o poder criador. No princípio Deus criou — e tudo era muito bom.

No princípio

No princípio criou Deus os céus e a terra. O Espírito de Deus pairava sobre as águas. E Deus disse: haja luz.

Jalqaba

Jalqabatti Allaahan shamaayʼuniiwwanii fi lafa uume. Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Allaahas bishaan irra sosochoʼa ture.

Allaahanis, "Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo shamaayʼun irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan" jedhe.

Kanaafuu Allaahan akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Allaahatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

Allaahan sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.

Rabbii Allaahan, Allaahan, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.

O poder criador

Pela palavra do Senhor foram feitos os céus. Tudo foi criado por Ele e para Ele — o visível e o invisível.

Shamaayʼuniiwwan dubbii Rabbii Allaahatiin hojjetaman;

tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.

Utuu tulluuwwan hin dhalatin

yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin,

baraa baraa hamma bara baraatti ati Allaaha.

Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Rabbii Allaah duratti ni jilbeenfannaa;

Zabuurii Ol baʼuu.

Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;

gargaarsi koo eessaa dhufa?

Gargaarsi koo Rabbii Allaah

shamaayʼunii fi lafa uume biraa dhufa.

Gargaarsi keenya maqaa Rabbii Allaaha,

Uumaa shamaayʼunii fi lafa sanaa ti.

Guyyaan kun guyyaa Rabbii Allaah uumee dha;

kottaa ni ililchina; itti gammannas.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Criador e Sustentador

O Deus eterno não se cansa nem se fatiga. Dele, por Ele e para Ele são todas as coisas — a Ele seja a glória.

Ati hin beektuu?

Ati hin dhageenyee?

Rabbii Allaah bara baraa ti;

inni Uumaa handaara lafaa ti.

Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu;

hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.

"Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee

Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo.

Supheen, suphee dhooftuudhaan,

Ati maal hojjechaa jirta?jedhaa?

Hojiin ati hojjettus,

Inni harka hin qabusiin jedhaa?

"Rabbii Allaah Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan shamaayʼuniiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.

inni darbii isaa ol dheeraa shamaayʼun irratti ijaarratee

hundee isaa lafa irra dhaabbatu,

inni bishaanota galaanaa waamee

fuula lafaa irratti gad roobsu sun

maqaan isaa Rabbii Allaah.

Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.

Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

Amalli Allaaha kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqeffamuun isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban.

Uumamni mulʼachuu ijoollee Allaaha hawwiidhaan eeggachaa jira.

Nova criação

Se alguém está em Cristo, nova criatura é. O Criador faz novas todas as coisas — na natureza e na redenção.

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Allaahan duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Al-Masiihi Iisaatiin uumamne.

Innis akka nu uumama isaa hundumaaf gosa hangafa taanuuf akkuma fedhii isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.

Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Allaah.

Akkuma beektonni keessan tokko tokko, Nu ilmaan isaa tijedhan sana Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.

Anis ergasii uumamni shamaayʼun keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus,

"Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf,

galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni,

bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!"

jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_15-35-42-