Publicidade

Crianças

Por Bíblia Online

As crianças ocupam lugar especial no coração de Deus. A Bíblia instrui a educá-las, protegê-las e ensiná-las nos caminhos do Senhor desde cedo — formando gerações que temem a Deus.

Herança do Senhor

Os filhos são herança do Senhor. Eles são presentes de Deus — cada criança é um milagre e uma responsabilidade sagrada.

Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;

iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti,

akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan;

intallan keenyas akka utubaa golee,

kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?

Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.

Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?

Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.

Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;

anis Rabbii Allaah sodaachuu isinan barsiisa.

Instruir as crianças

Instrui a criança no caminho em que deve andar. A educação cristã é mandamento repetido através de toda a Escritura.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera;

uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.

Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera;

uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.

Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;

kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;

qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.

Eebba Ogummaa

Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;

ajaja koos garaatti qabadhu;

isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa,

nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.

Eebba Ogummaa

Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;

ajaja koos garaatti qabadhu;

Rabbii Allaahan akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti

warra jaallatu ni adabaatii.

inni akkana jedhee na barsiise;

"Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;

seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.

Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;

dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.

Disciplinar com amor

A vara e a repreensão dão sabedoria. A disciplina produz o fruto pacífico da justiça nos que são exercitados por ela.

Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti

gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.

Jecha kudha sadaffaa

Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin;

yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.

Jecha kudha torbaffaa

Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;

haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.

Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin;

ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.

Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,

ilma qaanii fi salphina fiduu dha.

Gowwaa daba dubbatuu mannaa

hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.

Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata;

ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.

Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi

qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.

Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida;

haadha isa deessettis jireenya hadheessa.

Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;

haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.

Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;

haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.

Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata;

namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.

Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;

namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.

Namni seera eegu ilma ogeessa;

michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.

Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,

morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.

"Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa;

warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.

Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa;

isa hin tuffatinaa.

Obediência e promessa

Filhos, obedecei a vossos pais no Senhor. Honra a teu pai e tua mãe para que viva muito tempo sobre a terra.

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Allaaha duukaa buʼaa;

Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.

Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Rabbii Allaahan kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.

Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duuba dhalataniif yeroo hunda toluuf qajeelchawwan ani siif kennu kanneen hunda of eeggannaadhaan eegi; sababiin isaa ati ija Rabbii Allaah keetii duratti waan gaarii fi qajeelaa hojjechaa jirtaatii.

akkana isaaniin jedhe; "Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa. Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu."

Crianças e o reino

Deixai vir a mim as crianças. Jesus honrou as crianças como modelo de fé e humildade para todo o seu povo.

Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.

Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.

Nama Mootummaa Shamaayʼun Keessatti Nama Hunda Caalu

Yeruma sana barattoonni gara Iisaa dhufanii, "Yoos mootummaa shamaayʼun keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.

Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala.

Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala. Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.

Fakkeenya Hoolaa Badee

"Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; malaʼikkoonni isaanii shamaayʼun irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa shamaayʼun irraa ni arguutii. [

Boqonnaa Abdachiifame

Iisaan yeroo sana akkana jedhe; "Yaa Abbaa, Gooftaa shamaayʼuniitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha.

Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;

ijoollee Allaaha ni jedhamuutii.

Iisaan Ijoollee Eebbisuu Isaa

Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Iisaatti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan. Iisaan yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Allaaha kan warra akkanaatii.

Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe; "Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu."

Iisaanis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Allaahatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.

Iisaan Phexrosin Gaaffii Gaafate

Iisaan erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, "Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?" jedhe.

Innis, "Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta" jedheen.

Iisaanis, "Ilmoolee hoolaa koo soori" jedheen.

Identidade e crescimento

Somos filhos de Deus pelo Espírito de adoção. Crescer em Cristo é amadurecer em fé, obediência e amor ao próximo.

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Allaaha taʼaniif mirga kenne.

Warri Hafuura Allaahatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Allaahatii.

Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.

Akka nu ijoollee Allaaha taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.

Uumamni mulʼachuu ijoollee Allaaha hawwiidhaan eeggachaa jira.

Hundi keessan amantii Al-Masiihi Iisaatti qabdaniin ijoollee Allaaha ti; isin warri Al-Masiihitti cuuphamtan hundi Al-Masiihii uffattaniirtuutii.

Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Allaaha ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna. Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.

Sababii Ergaan Kun Barreeffameef

Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif

waan isinii dhiifameef ani isiniifin barreessa.

Yaa ijoolle, waaqeffatamtoota tolfamoo irraa of eegaa.

Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba.

Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.

Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha:

"Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin;

yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin;

Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii;

inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba."

Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!

Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.

Isaanis deebisanii, "Gooftaa Iisaatti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii" jedhan.

Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.

Waan fuula dhuga baatota baayʼee duratti narraa dhageesse sana namoota amanamoo kanneen warra kaan barsiisuu dandaʼanitti imaanaa kenni.

Transmitir a fé

Contaremos à geração vindoura os louvores do Senhor. O legado de fé é o maior presente que damos aos nossos filhos.

Rabbii Allaahan ilmaan kee hunda ni barsiisa;

nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.

Rabbii Allaahan ilmaan kee hunda ni barsiisa;

nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.

Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa,

yaa jiraataa jedhanii si jajatu;

abbootiin waaʼee amanamummaa keetii

ijoollee isaaniitti ni odeessu.

"Haati daaʼima ishee kan hoosiftu

irraanfachuu ni dandeessii?

Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?

Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!

Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera;

dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.

Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; "Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi sodaachisaa sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa."

Rabbii Allaahan Saamuʼeelin Waame

Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti Rabbii Allaah tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin Rabbii Allaah yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture.

Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.

Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.

Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;

hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,

humna isaatii fi dinqii inni hojjete,

dhaloota itti aanutti ni himna.

Inni Yaaʼikuubiif sirna dhaabe;

Israaʼeliif immoo seera kenne;

waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif,

abbootii keenya ajaje;

kunis akka dhaloonni itti aanu beeku,

akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan,

isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.

Yoos isaan Allaah amanatu;

ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_15-35-42-