Publicidade

Dar

Por Bíblia Online

Dar é princípio do Reino de Deus. Jesus deu tudo — até a própria vida. A Bíblia nos ensina que é mais bem-aventurado dar do que receber, e que Deus ama ao que dá com alegria.

Dar com alegria

Deus ama ao que dá com alegria. Dai e dar-se-vos-á. O generoso prospera e quem abençoa será abençoado.

Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Allaahan nama gammachuun kennu jaallataatii.

Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Allaahan ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.

Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.

Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.

Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.

Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii."

Princípios de generosidade

Honra ao Senhor com as tuas primícias. Não negues o bem a quem o merece. A alma generosa prosperará.

Qabeenya keetiin,

mataa midhaan keetii hundaanis Rabbii Allaah kabaji;

Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti,

warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.

Namni arjaan ni badhaadha;

namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;

fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.

Inni guyyaa guutuu kajeela;

namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.

Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni;

mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi."

Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa shamaayʼun banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

O ensino de Jesus

Quando deres esmola, não toque a trombeta. A generosidade do coração importa mais que a grandeza do donativo.

"Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.

Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin; kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.

Iisaanis, "Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedhee deebiseef.

Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin.

Rabbii Allaahatti gammadi;

innis hawwii garaa keetii siif guuta.

Namoonni hamoon ni liqeeffatu;

garuu deebisanii of irraa hin baasan;

qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;

"Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine.

Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; "Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Rabbii Allaah jabina keessan taʼeef hin gaddinaa."

Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_15-35-42-