Tomar uma decisão
Tomar decisões com sabedoria é um dos maiores desafios da vida. A Bíblia nos ensina a buscar a Deus em oração, na Palavra e no conselho, confiando que Ele dirige os nossos passos.
Buscar a Deus
Se algum de vós tem falta de sabedoria, peça a Deus. Ele dá generosamente e sem repreensão a todos os que pedem.
Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
Ija jabinni nu fuula Allaaha duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Garaa kee guutuun Rabbii Allaah amanadhu;
hubannaa kees hin abdatin;
karaa kee hunda keessatti isa dursi;
innis daandii kee siif qajeelcha.
karaa kee hunda keessatti isa dursi;
innis daandii kee siif qajeelcha.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.
Conselho e direção
Onde não há conselho os planos se frustam. Toda Escritura é útil para nos guiar nas decisões da vida.
Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;
baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
Ixaan gudeeda irratti buufama;
murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Rabbii Allaah biraa dhufa.
Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;
murtii dhugaa hundaanis ni morma.
Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;
garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;
salphinnis qaanii wajjin dhufa.
Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;
burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne
murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
Hidhiin gowwaa lola fida;
afaan isaas rukutamuu itti waama.
Afaan gowwaa badiisa isaa ti;
hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;
gara kutaa garaattis gad buʼa.
Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,
obboleessa nama waa balleessuu ti.
Maqaan Rabbii Allaah gamoo jabaa dha;
namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,
gowwummaa fi qaanii dha.
Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;
hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Allaahatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu;
kunis akka namni Allaaha hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Yommuu Miisiyaa gaʼanittis Biitaaniyaa seenuu yaalan; Hafuurri Iisaa garuu isaanii hin eeyyamne.
Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Nabiiʼiyyootaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa. Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, "Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa" jedhe. Kanaaf isaan erga soomanii duʼaa godhanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan.
Confiar e seguir
Seja o que for que façais, fazei tudo para a glória de Deus. O sábio ouve a Deus antes de agir.
Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Allaahatiif hojjedhaa.
Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;
Rabbii Allaahanis Gibeʼoonitti halkan abjuu keessa Suleyimaanitti mulʼate; Allaahanis, "Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu" jedhe.
Suleyimaan immoo akkana jedhee deebise; "Ati sababii inni amanamummaa fi qajeelummaadhaan fuula kee dura jiraatee gara tolina siif qabaateef garbicha kee, abbaa koo Daawudiif arjummaa guddaa goote. Arjummaa guddaa kanas ittuma fufteefii harʼa ilma teessoo isaa irra taaʼu kenniteefii jirta.
"Egaa yaa Rabbii Allaah ko, ati iddoo abbaa koo Daawud, garbicha kee mootii gooteerta. Ani garuu daaʼima xinnaa dha; hojii koos akkan itti hojjedhu hin beeku. Garbichi kee kunoo saba ati filatte saba guddaa, kan lakkaaʼamuu hin dandeenye yookaan herregamuudhaaf akka malee baayʼatu keessa jira. Kanaafuu hubannaa ani ittiin saba kee bulchuu fi waan gaarii fi waan hamaa ittiin gargar baasee beeku garbicha keetiif kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?"
Suleyimaan waan kana duʼaa gochuun isaa fuula Gooftaa duratti gammachiisaa ture. Kanaafuu Allaahan akkana jedheen; "Ati waan kana kadhatte malee ofii keetiif bara dheeraa yookaan sooroma yookaan lubbuu diinota keetii hin kadhanne; garuu waan murtii qajeelaa kennuuf hubannaa kadhatteef, ani waan ati kadhatte kana siifin kenna. Qalbii ogeessa waa hubatu kan namoonni si dura turan hin qabaatin, kan warri si duubaan dhufanis hin qabaanne siifin kenna.
Niitiin isaa, "Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Allaah abaariitii duʼi!" isaan jette.
Inni immoo deebisee, "Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Allaahatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?" jedhe.
Wantoota kanneen hunda keessatti Ayyuub waan dubbateen cubbuu hin hojjenne.