Despedida
As despedidas na Bíblia são momentos sagrados de bênção, oração e confiança em Deus. Mesmo na separação, os filhos de Deus se despedem com fé, carinho e esperança de reencontro.
Despedidas bíblicas
Paulo se despediu dos anciãos de Éfeso com oração e lágrimas. As despedidas entre irmãos são marcadas por afeto e fé.
Innis waan kana dubbatee isaan hunda wajjin jilbeenfatee Allaah duratti duʼaa godhe. Hundi isaaniis akka malee booʼaa morma Phaawulositti marmanii isa dhungatan. Wanni akka malee isaan gaddisiise akka isaan yeroo sanaa jalqabanii lammata isa hin argine dubbachuu isaa ti. Ergasii isaan hamma dooniitti isa geggeessan.
Phaawulos Maqedooniyaa fi Giriik Dhaqe
Phaawulos erga gooliin qabbanaaʼee booddee barattoota waamsisee isaan jajjabeesse; "Nagaatti" isaaniin jedhees Maqedooniyaa dhaquuf kaʼe.
Erga isaan yeroo gabaabaa achi turanii booddees, obboloonni akka isaan warra isaan erganitti deebiʼaniif nagaan isaan geggeessan. [
Phaawulos Warra Tasaloniiqee Arguu Hawwe
Garuu yaa obboloota, erga yaadaan utuu hin taʼin fooniin yeroo gabaabaaf isin irraa gargar baanee jalqabnee fuula keessan arguuf hawwii guddaan caalchifnee dhamaane.
Akka ani jaalala Al-Masiihi Iisaatiin hammam hunda keessan yaadu Allaahaan dhuga baatu koo ti.
Amizades profundas
Davi e Jônatas se despediram com lágrimas e pacto de amizade. Rute se apegou a Noemi com lealdade inabalável.
Erga gurbichi deemee booddee Daawud karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawud garuu caalaa booʼe.
Yoonaataanis Daawudiin, " ‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti Rabbii Allaahan bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa Rabbii Allaahatiin walii kakanneerraatii nagaan deemi" jedhe. Ergasii Daawud kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe.
Erga gurbichi deemee booddee Daawud karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawud garuu caalaa booʼe.
Ergasiis Naaʼomiin niitota ilmaan ishee lamaaniin akkana jette; "Tokkoon tokkoon keessan gara mana haadhota keessaniitti deebiʼaa. Akkuma dhirsoota keessan kanneen duʼanii fi anaafis arjoomtan sana Rabbii Allaahan isiniif haa arjoomu. Rabbii Allaahan tokkoo tokkoo keessaniifis mana dhirsa itti heerumtaniitti boqonnaa isinii haa kennu."
Isheenis ergasii isaan dhungate; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼanii "Waawuu, nu si wajjin gara saba keetiitti deebina" jedhaniin.
Naaʼomiin garuu akkana jette; "Yaa intallan ko, gara mana keessaniitti deebiʼaa. Maaliif na wajjin deemtu? Ani siʼachi ilmaan dhirsa isiniif taʼuu dandaʼan daʼaa? Yaa intallan koo gara mana keessaniitti deebiʼaa; ani dhirsa biraatti heerumuudhaaf dulloomeera. Yoo ani abdii qaba jedhee halkanuma kana heerumee ilmaan daʼe illee, isin hamma isaan guddatanitti ni eeggattuu? Isaan eeggachuuf jettanii utuu hin heerumin haftuu ree? Lakkii yaa intallan koo. Kun isin caalaa natti ulfaata; harki Rabbii Allaah natti garagaleeraatii!"
Isaan amma illee sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. Kana irratti Orphaan haadha dhirsa ishee dhungattee nagaatti jetteen; Ruut garuu isheetti marmite.
Isaan amma illee sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. Kana irratti Orphaan haadha dhirsa ishee dhungattee nagaatti jetteen; Ruut garuu isheetti marmite.
Ergasiis Muusaan abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale.
Bênçãos de despedida
O Senhor te abençoe e te guarde. O Senhor faça resplandecer o seu rosto sobre ti e te dê a paz.
" ‘ "Rabbii Allaahan si haa eebbisu;
si haa eegus;
Rabbii Allaahan fuula isaa siif haa ibsu;
garaa siif haa laafu.
Rabbii Allaahan fuula isaa gara keetti haa deebisu;
nagaas siif haa kennu." ’
Rabbii Allaahan miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
Rabbii Allaahan ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.
Dhaamsa Nagaa Xumuraa
Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Allaahan jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.
Dhaamsa Nagaa Xumuraa
Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Allaahan jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.
Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
Sabni Allaaha hundinuu nagaa isinii dhaamu.
Ayyaanni Gooftaa Iisaa Al-Masiihii, jaalalli Allaaha, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.
Miʼa Lolaa Kan Allaah
Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa.
Ergasiis Yushuʼaan eebbisee gad isaan dhiise; isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan.
Ammas namni biraa, "Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami" jedhe.
Iisaanis deebisee, "Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Allaahatiif hin malu" jedhe.
Al-yaasaʼaanis qotiyyoo ofii isaa dhiisee Iliyaas duukaa fiigee, "Mee takkaa dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhungadhee, ‘Nagaatti’ jedheen si duukaa buʼaa" jedhe.
Iliyaas immoo, "Deebiʼi; ani maalin si godhee jira?" jedhee deebiseef.
Kanaafuu Al-yaasaʼaan isa dhiisee deebiʼe. Qotiyyoo cimdii tokkoo fuudhee qale. Miʼa ittiin lafa qotiisaa qotu sanas bobeessee foon sana bilcheessee namootaaf kenne; isaanis ni nyaatan. Ergasiis kaʼee Iliyaas duukaa buʼe; tajaajilaa isaas taʼe.