Deus nos chamou
Deus nos chamou antes da fundação do mundo. Ele nos conhece pelo nome, nos predestinou para sermos conforme a imagem de Cristo e nos capacita para o chamado.
Chamados por Deus
Os que Deus predestinou, também os chamou. O Seu chamado é irrevogável — fundamentado no propósito eterno e na graça abundante.
Allaahan warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna. Akka inni obboloota baayʼee keessatti hangafa taʼuuf Allaahan warra duraan dursee beeke akka bifa ilma isaa fakkaataniif duraan dursee murteesseeraatii. Inni warra duraan dursee murteesse sana ni waame; warra waame sanas qajeeltota taasise; warra qajeeltota taasiseef immoo ulfina kenne.
Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Allaah duratti duʼaa nan godha; akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa
Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Injiilaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Allaahatiin na wajjin hirmaadhu; Allaahan sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Al-Masiihi Iisaatiin nuu kenname; amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Al-Masiihi Iisaa isa karaa injiilaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
Allaahan ayyaana hundaa karaa Al-Masiihiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.
"Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke;
utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe;
akka ati sabootaaf nabiiʼiyyii taatuufis si muude."
A resposta ao chamado
Ninguém pode vir a mim se o Pai não o atrair. Deus escolheu os fracos para confundir os fortes — e nos chamou para a luz.
Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne. Allaahan garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Allaahan warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate.
Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Allaahan akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?
Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu. Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Allaahan Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname."
Confirmando o chamado
Procurai tornar cada vez mais firme a vossa vocação. Deus começou a boa obra e a completará até o dia de Cristo.
Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan; akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti galuun guutummaatti isiniif kennama.
inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Al-Masiihi Iisaatti akka raawwatu nan amana.
"Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa."