Deus nunca falha
Deus nunca falha. Nenhuma de suas promessas vem ao chão. O que Ele prometeu, Ele cumprirá. A fidelidade de Deus é o fundamento inabalável da nossa fé.
Promessas cumpridas
Nenhuma boa palavra falhou de todas as promessas que Deus fez. Ele é fiel e verdadeiro em tudo o que diz.
"Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Rabbii Allaahan keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
Waadaa gaarii Rabbii Allaahan mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera.
"Rabbii Allaahan akkuma abdachiisee ture sanatti saba isaa Israaʼeliif boqonnaa kenne sanaaf galanni haa taʼu. Abdii gaarii inni karaa garbicha isaa Muusaatiin kenne sana hunda keessaa jechi tokko iyyuu lafa hin buune.
Allaahan nama miti; inni hin sobu;
yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti.
Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu?
Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?
Karoorri Rabbii Allaah garuu bara baraan, yaadni garaa isaas
dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
Fidelidade eterna
A Palavra do Senhor permanece para sempre. A tua palavra é muito pura e o teu servo a ama profundamente.
Ija keessan gara shamaayʼuniiwwaniitti ol qabadhaa;
lafas gad ilaalaa;
shamaayʼuniiwwan akkuma aaraa ni badu;
lafti akkuma wayyaa moofofti.
Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan.
Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata;
qajeelummaan koos hin badu.
Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera;
tajaajilaan kees isa jaallata.
Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;
bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.
Rabbii Allaahan dubbii isaa hundaan amanamaa dha;
hojii isaa hundaanis arjaa dha.
Rabbii Allaahan warra kufan hunda ol qaba;
warra gad qabaman hundas ni kaasa.
Rabbii Allaahan inni ishee keessa jiru qajeelaa dha;
inni dogoggora tokko illee hin hojjetu.
Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna;
guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu;
jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.
Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii;
inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu.
Yoo tures isa eegi;
inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
Segurança em Deus
Todas as promessas de Deus são sim e amém em Cristo. Fiel é Aquele que prometeu — Ele jamais nos decepcionará.
Waadaawwan Allaaha hundinuu Al-Masiihiin "Eeyyeedhaatii". Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Allaahatiif "Ameen" jenna. Egaa kan akka nu isin wajjin Al-Masiihitti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Allaah; innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.
Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.
Isinis dubbii dhugaa jechuunis injiila fayyina keessanii dhageessanii Al-Masiihitti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; innis warri kan Allaah taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.
Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Allaahan warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.