Pular para o conteúdo
Publicidade

Dia das crianças

Por Bíblia Online

As crianças são preciosas aos olhos de Deus. Jesus as acolheu, abençoou e ensinou que delas é o Reino dos Céus — modelos de fé, pureza e humildade.

Jesus e as crianças

Deixai vir a mim as crianças. Jesus abraçou, abençoou e honrou as crianças como modelo de fé para os adultos.

Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.

Nama Mootummaa Shamaayʼun Keessatti Nama Hunda Caalu

Yeruma sana barattoonni gara Iisaa dhufanii, "Yoos mootummaa shamaayʼun keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.

Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala.

Fakkeenya Hoolaa Badee

"Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; malaʼikkoonni isaanii shamaayʼun irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa shamaayʼun irraa ni arguutii. [

Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, "Hoosaaʼinaa ilma Daawudiif" jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.

Isaanis, "Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?" jedhanii isa gaafatan.

Iisaan immoo, "Eeyyee;" isin waan,

" Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta

jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?"

jedhee deebise.

Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Allaaha hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu." Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.

Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe; "Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu."

Instruir e proteger

Instrui a criança no caminho de Deus. Elas são herança do Senhor — presentes sagrados que devemos educar com amor.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Rabbii Allaahan ilmaan kee hunda ni barsiisa;

nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.

Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;

iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.

Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

" ‘ "Rabbii Allaahan si haa eebbisu;

si haa eegus;

Rabbii Allaahan fuula isaa siif haa ibsu;

garaa siif haa laafu.

Rabbii Allaahan fuula isaa gara keetti haa deebisu;

nagaas siif haa kennu." 

Seja o primeiro