Dificuldades
As dificuldades são parte da vida, mas Deus é refúgio certo em todo tempo de angústia. A Bíblia promete que nenhuma adversidade pode separar os filhos de Deus do seu amor.
Deus é refúgio
Deus é nosso refúgio e fortaleza, socorro bem presente nas angústias. Nada poderá nos separar do amor de Cristo.
Allaahan daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Kanaafuu yoo lafti raafamtee
tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee
tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
Anis Rabbii Allaahan, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;
Allaah koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.
Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;
garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;
Allaahan iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
Rabbii Allaahan warra cunqurfamaniif irkoo dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Warri maqaa kee beekan si amanatu;
yaa Rabbii Allaah, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Ati raafama galaanaa ni moota;
yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.
Sagalee bishaan baayʼee caalaa,
jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,
Rabbii Allaahan ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.
Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf
dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
Jaalala Al-Masiihii irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? Kunis akkuma,
"Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra"
jedhamee barreeffamee dha. Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla. Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
Provisão nas dificuldades
O Senhor provê mesmo nos tempos mais difíceis. Ele sustentou Elias, protegeu Israel e cuida dos seus com fidelidade eterna.
Akkuma dubbii Rabbii Allaah kan inni karaa Iliyaasiin dubbate sanaatti daakuun okkotee keessaa hin dhumne; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumne.
Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe;
akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
Isaan duʼaa godhannaan inni dimbiriqqee kenneef;
buddeena shamaayʼuniitiinis isaan quufse.
Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe;
akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;
garuu qajeeltonni gatamuu isaanii
yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
Rabbii Allaahan bara tolootaa ni beeka;
dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;
bara beelaa keessas ni quufu.
Ani lafa dheebote irratti bishaan,
lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii;
ani ijoollee kee irratti Hafuura koo,
sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.
Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan,
rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo,
bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu,
hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte.
Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan,
akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi
Innis hoʼa guyyaa irraa daʼoo fi gaaddisa, iddoo bubbee hamaa fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi iddoo itti dhokatan taʼa.
Yommuu ati bishaan keessa dabartu,
ani si wajjinan jira;
yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan.
Yommuu ibidda keessa deemtu,
ati hin gubattu;
arrabni ibiddaas si hin gubu.
Força nas provas
Em tudo somos atribulados, mas não esmagados. O Senhor é bom e é fortaleza no dia da angústia — Ele conhce os seus.
Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu.
Rabbii Allaahan gaarii dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Inni warra isa amanatan ni beeka;
Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba;
duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan
fuula jiʼaa ni haguuga.
Inni fuula bishaanotaa irratti,
ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta;
yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.
Innis deebisee, "Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?" jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
Namoonnis dinqifatanii, "Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?" jedhan.
Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Allaahan erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa.
Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Allaahan isheef qopheesseetti baqatte.
Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu.