Educação das crianças
A educação cristã dos filhos é responsabilidade sagrada dos pais. A Bíblia ensina a instruir, disciplinar e modelar a fé desde a tenra idade, formando gerações que temem ao Senhor.
Instruir nos caminhos de Deus
Instrui a criança no caminho em que deve andar. A educação bíblica molda o caráter e estabelece fundamentos para a vida.
Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;
inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera;
uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
Ogummaan Waan Hunda Caalti
Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;
qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.
Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,
morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
Afaan ishee ogummaadhaan banatti;
gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Rabbii Allaah kee jaalladhu. Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
Gaafa isin Kooreebitti fuula Rabbii Allaah keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, "Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi" naan jedhe sana yaadadhaa.
Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa. Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi; kunis akka umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii biyya Rabbii Allaahan abbootii keessaniif kennuuf kakate keessatti akkuma umurii shamaayʼuniiwwan lafaa oli jiraniitti dheeratuuf.
Disciplina e amor
A vara e a repreensão dão sabedoria. A disciplina é expressão de amor que protege e forma o caráter dos filhos.
Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti
gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna;
lubbuu kees ni gammachiisa.
Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;
kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
Jecha kudha sadaffaa
Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin;
yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.
Arcummeedhaan isaan adabiitii
lubbuu isaanii duʼa oolchi.
Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu;
akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.
Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti?
Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.
Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
Ensinar pelas Escrituras
Desde a infância conheces as sagradas letras. As Escrituras formam, equipam e capacitam para toda boa obra.
akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Al-Masiihi Iisaatti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta.
Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii; akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Al-Masiihi Iisaatti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta.
Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa;
dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha;
waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu,
waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;
hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,
humna isaatii fi dinqii inni hojjete,
dhaloota itti aanutti ni himna.
Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu,
waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;
hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,
humna isaatii fi dinqii inni hojjete,
dhaloota itti aanutti ni himna.
Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;
hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,
humna isaatii fi dinqii inni hojjete,
dhaloota itti aanutti ni himna.
Inni Yaaʼikuubiif sirna dhaabe;
Israaʼeliif immoo seera kenne;
waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif,
abbootii keenya ajaje;
kunis akka dhaloonni itti aanu beeku,
akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan,
isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
Yoos isaan Allaah amanatu;
ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
Akka Rabbii Allaahan gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Isin qulqulloonni isaa Rabbii Allaah sodaadhaa;
warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;
namni Rabbii Allaah barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;
anis Rabbii Allaah sodaachuu isinan barsiisa.
Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;
anis Rabbii Allaah sodaachuu isinan barsiisa.
Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;
iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
Bênção e promessa
Os filhos são herança do Senhor. A educação cristã é investimento eterno que produz frutos em todas as gerações.
Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.
Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Ani lafa dheebote irratti bishaan,
lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii;
ani ijoollee kee irratti Hafuura koo,
sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.
Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa,
yaa jiraataa jedhanii si jajatu;
abbootiin waaʼee amanamummaa keetii
ijoollee isaaniitti ni odeessu.
Rabbii Allaahan ilmaan kee hunda ni barsiisa;
nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.