Publicidade

Ensinar

Por Bíblia Online

Ensinar é mandamento e dom. A Bíblia exorta pais, líderes e mestres a transmitir a verdade divina com fidelidade, paciência e sabedoria para as próximas gerações.

Ensinar a Palavra

Toda Escritura é útil para ensinar. Quem ouve as palavras de Jesus e as pratica é como o homem sábio que construiu sobre a rocha.

Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Allaahatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Allaaha hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.

"Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa.

Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.

Fakkeenya Suleyimaan Ilma Daawud, mootii Israaʼel:

Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,

dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;

ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,

murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;

warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,

dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,

ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;

warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;

kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,

jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.

Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

Instruir as gerações

Ensina a criança nos caminhos de Deus. A geração que não conhece o Senhor perde a herança espiritual da fé.

Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Rabbii Allaah kee jaalladhu. Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,

morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.

Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Bara baraan garaa keetti qabadhu;

morma keettis hidhadhu.

Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu;

yeroo ati raftu si eegu;

yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.

Ajajni kun ibsaadhaatii;

barsiisni kunis ifa;

sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;

Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;

dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.

Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;

ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.

Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.

Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;

isa hammadhu; innis si kabajaatii.

Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;

waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.

Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin

yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.

Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;

burqaan jireenyaa achii baʼaatii.

Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;

haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.

Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;

atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;

karaan kee hundinuu haa jabaatu.

Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;

miilla kee hammina irraa eeggadhu.

Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti;

kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

"Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa;

dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.

Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha;

waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.

Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu,

waan abbootiin keenya nutti himanii dha.

Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;

hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,

humna isaatii fi dinqii inni hojjete,

dhaloota itti aanutti ni himna.

Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Rabbii Allaah hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe.

Fidelidade no ensino

Quem ensina com fidelidade merece dupla honra. Cuidado com doutrinas falsas — permaneçam na doutrina de Cristo.

Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu. Katabbiin Qulqulluun, "Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;" akkasumas, "Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala" jedhaatii.

Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Allaaha taʼuu irraa nama fageessaatii. Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu;

Namni barsiisa Al-Masiihiitiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Allaah hin qabu; namni barsiisa Al-Masiihiitiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba.

Gara walakkaa Ayyaanichaattis Iisaan mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe. Yihuudoonnis dinqifatanii, "Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?" jedhan.

Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti. Namni fedhii Allaaha gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Allaah biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka. Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-