Esperar em Deus
Esperar em Deus não é passividade — é confiança ativa no Senhor que age no tempo perfeito. Os que esperam nele não serão confundidos nem envergonhados.
Esperança em Deus
Descanse somente em Deus, ó minha alma, pois dele vem a minha esperança. Ele é rocha e salvação — não serei abalado.
Lubbuun koo Allaah qofa obsaan eeggatti;
abdiin koo isa biraa dhufaatii.
Rabbii Allaah duratti calʼisi;
obsaanis isa eeggadhu;
nama karaan isaa qajeeleefitti,
kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;
warri Rabbii Allaah abdatan garuu lafa dhaalu.
Rabbii Allaah eeggadhu; karaa isaas eegi.
Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;
atis badiisa hamootaa ni argita.
Ani obsaan Rabbii Allaah nan eeggadhe;
innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
Ani Rabbii Allaah nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;
dubbii isaas nan abdadha.
Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,
dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa
lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
Namni si eeggatu tokko iyyuu
yoom iyyuu hin qaaneffamu;
warri sababii malee yakka hojjetan
garuu ni qaaneffamu.
Rabbii Allaah, ani sin eeggadha;
yaa Allaah Goofticha ko, ati deebii naa kennita.
Rabbii Allaah eeggadhu;
cimi; jabaadhus;
Rabbii Allaah eeggadhu.
Confiança na espera
O Senhor é bom para os que esperam nele. O olho não viu o que Deus preparou para os que o amam e o aguardam.
Warri Rabbii Allaah abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Rabbii Allaah, nu maari; nu si eeggannaa.
Ati ganama ganama jabina keenya,
yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
Si malee Allaah warra isa abdataniif dhaabatu,
bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye;
yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne;
iji tokko iyyuu hin argine.
Ati, "Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!" hin jedhin;
Rabbii Allaah eeggadhu; inni si baasa.
Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa. Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
Araarri Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihi jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Allaahatiin of eegaa.
Nu garuu biyyi keenya shamaayʼun irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Iisaa Al-Masiihi eegganna;