Esperar no Senhor
Esperar no Senhor é ato de fé e confiança. A Bíblia promete que os que esperam em Deus renovam as forças, recebem direção e experimentam a fidelidade divina no tempo certo.
Renovar as forças
Os que esperam no Senhor renovam as forças. Sobem como águias, correm e não se cansam, caminham e não se fatigam.
Warri Rabbii Allaah abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Taʼus Rabbii Allaahan isiniif arjoomuu barbaada;
isiniif naʼuufis ni kaʼa:
Rabbii Allaah murtii qajeelaa ti.
Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.
Rabbii Allaah eeggadhu;
cimi; jabaadhus;
Rabbii Allaah eeggadhu.
Anis biyya jiraattotaa keessatti
gaarummaa Rabbii Allaah akkan argu
amma iyyuu nan amana.
Rabbii Allaah eeggadhu;
cimi; jabaadhus;
Rabbii Allaah eeggadhu.
Rabbii Allaahan ibsaa kootii fi fayyina koo ti;
ani eenyunan sodaadha?
Rabbii Allaahan daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
Namoonni hamoon yommuu
foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,
diinonni koo fi amajaajonni koo
yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
Yoo duulli na marse illee,
garaan koo hin sodaatu;
yoo waraanni natti baname illee
ani hin raafamu.
Ani waan tokko Rabbii Allaah duratti duʼaa nan godhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Rabbii Allaah keessa jiraachuu,
miidhagina Rabbii Allaah ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa duʼaa gochuu dha.
Inni guyyaa rakkinaa
iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii;
daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa;
kattaa gubbaattis ol na baasa.
Yommus diinota na marsanii olitti
mataan koo ol jedha;
dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa;
Rabbii Allaahaf nan faarfadha; nan weeddisas.
Rabbii Allaah, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi;
naaf araarami; deebiis naaf kenni.
Yommuu ati, "Fuula koo barbaadaa!" jettetti,
garaan koo, "Rabbii Allaah, ani fuula kee nan barbaada" siin jedha.
Fuula kee na duraa hin dhoksin;
aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin;
ati gargaaraa koo taateerta.
Yaa Allaah, Fayyisaa ko,
na hin gatin; na hin dhiisinis.
Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee,
Rabbii Allaahan na simata.
Rabbii Allaah, karaa kee na barsiisi;
sababii ani diinota baayʼee qabuuf
daandii qajeelaa irra na buusi.
Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin;
dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii;
isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.
Anis biyya jiraattotaa keessatti
gaarummaa Rabbii Allaah akkan argu
amma iyyuu nan amana.
Rabbii Allaah eeggadhu;
cimi; jabaadhus;
Rabbii Allaah eeggadhu.
Espera paciente
Esperei com paciência no Senhor e Ele se inclinou para mim. Confie nele e descanse — Ele agirá no tempo certo.
Ani obsaan Rabbii Allaah nan eeggadhe;
innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
Inni boolla sodaachisaa keessaa,
dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase;
miilla koo kattaa irra dhaabe;
ejjeta koos naa jabeesse.
Innis faarfannaa haaraa,
Zabuurii galataas afaan koo keessa Allaah keenyaaf kaaʼe.
Namoonni baayʼeen arganii Rabbii Allaah sodaatu;
isas ni amanatu.
Namni Rabbii Allaah abdatu,
kan gara of tuultotaa hin ilaalle,
namni warra karaa irraa jalʼatanii
waaqeffatamtoota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.
Yaa Rabbii Allaah ko,
dinqiin ati hojjette baayʼee dha;
waan ati nuuf yaadde,
namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu
tokko iyyuu hin jiru;
yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee,
baayʼinni isaanii hamma hin qabu.
Ati aarsaa fi kennaa hin feene;
gurra koo garuu naa banteerta;
aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
Yeroo sana ani akkana nan jedhe; "Ani kunoo ti; ani dhufeera;
waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
Yaa Allaah ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada;
seerri kee garaa koo keessa jira."
Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa;
Rabbii Allaah, akkuma ati beektu,
ani afaan koo hin qabadhu.
Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu;
waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa;
jaalala keetii fi dhugaa kees
yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
Rabbii Allaah araara kee na hin dhowwatin;
jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii;
cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera;
cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata;
onneen koos na keessatti laafteerti.
Rabbii Allaah, na fayyisuutti gammadi;
yaa Rabbii Allaah, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu,
haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis.
Warri badii koo hawwan hundi,
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
Lubbuun keenya abdiidhaan Rabbii Allaah eeggatti;
innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
Garaan keenya isatti ni gammadaatii;
nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
Rabbii Allaah, akkuma nu abdii keenya
sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.
Ani Rabbii Allaah nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;
dubbii isaas nan abdadha.
Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,
dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa
lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
Lubbuun koo Allaah qofa obsaan eeggatti;
abdiin koo isa biraa dhufaatii.
Rabbii Allaah eeggadhu; karaa isaas eegi.
Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;
atis badiisa hamootaa ni argita.
Confiança e perseverança
Confie no Senhor de todo o coração. Sede pacientes na tribulação — o Senhor é fiel e cumprirá todas as suas promessas.
Garaa kee guutuun Rabbii Allaah amanadhu;
hubannaa kees hin abdatin;
karaa kee hunda keessatti isa dursi;
innis daandii kee siif qajeelcha.
Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas
Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa. Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha.
Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa. Isin karaa dubbii Allaaha isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
"Foon hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti;
margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata."
Dubbiin kunis injiila isinitti lallabame sana.
Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
"Yeroo sanatti mootummaan shamaayʼun dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata. Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan. Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne. Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan. Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis.
"Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame.
"Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan.
"Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin.
"Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame.
"Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin.
"Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen.
"Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.