Publicidade

Simplicidade do Evangelho

Por Bíblia Online

A simplicidade do evangelho é sua força. Deus escolheu as coisas loucas do mundo para confundir os sábios. O poder está na mensagem da cruz, não na eloquência humana.

Allaahan garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Allaahan warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate. Allaahan waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate; kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef.

Al-Masiihiin akka ani injiila lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Al-Masiihii humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.

Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre;

Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa."

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-