Publicidade

Sinais do fim dos tempos

Por Bíblia Online

A Bíblia descreve sinais que precederão a volta de Jesus. Guerras, falsos mestres, sinais cósmicos e a pregação do evangelho a todas as nações — tudo aponta para o fim dos tempos.

Sinais proféticos

Este evangelho do Reino será pregado em todo o mundo e então virá o fim. Os sinais dos últimos tempos já se manifestam.

Injiilli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.

"Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,

" Aduun ni dukkanoofti;

jiʼis ifa ishee hin kennitu;

urjiiwwan shamaayʼun irraa ni harcaʼu;

humnoonni shamaayʼuniis ni raafamu.

"Ergasii mallattoon Ilma Namaa shamaayʼun irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa shamaayʼuniitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. Innis malaʼikkoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara shamaayʼuniiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.

"Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii. Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.

akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."

Guyyaa fi Saʼaatiin Sun Hin beekamu

"Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; malaʼikkoonni shamaayʼun irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.

Os últimos dias

Nos últimos dias virão tempos difíceis, homens amantes de si mesmos. Mas derramarei o meu Espírito sobre toda a carne.

Waan Guyyoota Dhumaa Keessa Taʼu

Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Allaah arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Allaah jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Allaahaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.

" Bara dhumaa keessa, jedha Allaahan,

ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa;

ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;

dargaggoonni keessan mulʼata argu;

jaarsoliin keessan abjuu abjootu.

Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee,

Hafuura koo nan dhangalaasa;

isaanis raajii ni dubbatu.

Ani ol shamaayʼun irratti dinqii,

gad lafa irrattis mallattoo,

dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.

Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura,

aduun dukkanatti geeddaramti;

jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.

Namni maqaa Gooftaa waammatu,

hundinuu ni fayya.

Guyyaa Rabbii Allaah

"Anis kana booddee,

Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.

Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;

jaarsoliin keessan abjuu abjootu;

dargaggoonni keessan mulʼata argu.

Bara sana keessa, garboota koo

warra dhiiraa fi dubartii irratti illee

Hafuura koo nan dhangalaasa.

Bara Dhumaa

"Yeroo sanatti Miikaaʼiil hangafni malaʼikkootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu. Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu. Ogeeyyiin akkuma ifa shamaayʼuniiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.

Esperança e prontidão

O dia do Senhor virá como ladrão. Mas nós não somos das trevas — estejamos sóbrios, vigiliando e esperando.

Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu. Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee malaʼikkaa hangafaatii fi sagalee malakata Allaahatiin shamaayʼun irraa ni buʼa; warri Al-Masiihitti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna. Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.

Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas. Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu. Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa. Allaahan akka nu karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.

"Isin of eeggadhaa; yoo kanaa achii qalbiin keessan qananiidhaan, machii fi yaaddoo jireenyaatiin fudhatamee guyyaan sunis utuu isin hin beekin akkuma kiyyoo isin qabata. Guyyaan sun warra lafa irra jiraatan hundatti ni dhufaatii. Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; duʼaa godhadhaas."

Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti. Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.

Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Shamaayʼuniiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.

Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Allaahaf bulu jiraachuu qabdu; kanas guyyaa Allaaha eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana shamaayʼuniiwwan ibiddaan badu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jirus hoʼaan baqa. Nu garuu akkuma waadaa isaatti shamaayʼuniiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.

Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna; kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna.

Shamaayʼuniiwwan Haaraa fi Lafa Haaraa

"Kunoo ani, shamaayʼuniiwwan haaraa fi

lafa haaraa nan uuma.

Wanni durii hin yaadatamu;

yookaan qalbii namaatti hin dhufu.

Isin garuu waan ani uumutti,

bara baraan gammadaa ililchaa;

ani Yerusaalemin gammachuuf,

saba ishee immoo ililleef nan uumaatii.

Ani Yerusaalemitti nan gammada;

saba koottis nan gammada;

siʼachi sagaleen booʼichaatii fi

iyyaa ishee keessatti hin dhagaʼamu.

Dhufaatii Guyyaa Rabbii Allaah

"Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. "Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu. Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.

Shamaayʼun Haaraa fi Lafa Haaraa

Anis ergasii shamaayʼun haaraa fi lafa haaraa nan arge; shamaayʼuniin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee shamaayʼun keessaa Allaah biraa utuu gad buutuu nan arge. Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Allaahan jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Allaahan mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Allaah isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-