Gratidão ao Senhor
A gratidão ao Senhor é resposta de amor diante da bondade divina. Louvar a Deus com cântico e magnificá-lo com ação de graças — isso é o que agrada ao Senhor.
Agradecer ao Senhor
Deus transformou nosso lamento em dança. Ele é digno de toda gratidão, em todo tempo e em toda circunstância.
Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;
wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.
Yaa Rabbii Allaah ko, ani bara baraan sin galateeffadha.
Ani faarfannaadhaan maqaa Allaaha nan galateeffadha;
galataanis ulfina nan kennaaf.
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
Warri si barbaadan hundinuu garuu
sitti gammadanii haa ililchan;
warri fayyisuu kee jaallatan,
yeroo hunda, "Allaahan guddaa dha!" haa jedhan.
Gratidão constante
Em tudo dai graças. Tudo o que Deus criou é bom, quando recebido com ação de graças e paz no coração.
haala hundumaa keessatti Allaah galateeffadhaa; fedhiin Allaahan Al-Masiihi Iisaatti isiniif qabu kanaatii.
Wanni Allaahan uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru; inni dubbii Allaahatii fi duʼaadhaan qulqulleeffameeraatii.
Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
Ani garuu zabuurii galataatiin
aarsaa siif nan dhiʼeessa.
Ani wareegan wareege sanas nan baasa.
Anis, ‘Fayyinni Rabbii Allaah biraa dhufa’ " nan jedha.