Publicidade

Intimidade com Deus

Por Bíblia Online

A intimidade com Deus é o maior privilégio do cristão. Ele nos convida a nos aproximar, a conhecê-lo profundamente e a desfrutar de comunhão diária com o Criador do universo.

Aproximar-se de Deus

Chegai-vos a Deus e Ele se chegará a vós. Deus deseja intimidade, não religiosidade. Ele busca os que o buscam de todo coração.

Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

"Isin warri dheebottan hundinuu kottaa;

gara bishaanii kottaa;

isin warri maallaqa hin qabne,

kottaatii bitadhaa; nyaadhaas!

Kottaatii maallaqaa fi gatii malee

daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.

Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu?

Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu?

Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa;

lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.

Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa;

akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa.

Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala;

innis jaalala amanamaa isa Daawud abdachiifame sanaa dha;

kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera;

hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.

Sababii Rabbii Allaahan kee,

Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef,

ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta;

saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu."

Yeroo inni argamutti Rabbii Allaah barbaaddadhaa;

yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.

Ani utuu isaan na hin waammatin nan deebisaaf;

utuu isaan dubbatanii hin fixinis nan dhagaʼa.

‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.

Sede de Deus

Como a corça deseja as correntes de água, assim a minha alma suspira por ti, ó Deus. A intimidade nasce do desejo profundo.

Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana,

yaa Allaah ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.

Lubbuun koo Allaahan Allaah jiraataa dheebotti.

Ani yoomin dhaqee fuula Allaaha arga?

Yaa Allaah, ati Allaah koo ti;

ani dhugumaan sin barbaadadha;

lafa gogaa fi gammoojjii,

lafa bishaan hin jirretti,

lubbuun koo si dheebotti;

foon koos sitti gaggaba.

Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge;

humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Ani hamman jirutti sin eebbisa;

maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti;

afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.

Ani siree koo irratti sin yaadadha;

halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.

Waan ati gargaarsa koo taateef,

ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.

Lubbuun koo sitti maxxanti;

harki kee mirgaa ol na qaba.

Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu

boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.

Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu;

nyaata waangoos ni taʼu.

Mootiin garuu Allaahatti ni gammada;

namni Allaahan kakatu hundinuu ulfina argata;

afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.

Unidade com o Pai

Jesus orou pela unidade dos seus com o Pai. A intimidade com Deus inclui confissão, perdão e alegria na comunhão.

Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera; kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.

Rabbii Allaahan kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-