Jesus me ama
Jesus me ama — essa certeza transforma vidas. O amor de Cristo não depende do nosso merecimento, mas da sua natureza. Ele nos amou primeiro, e nada pode nos separar desse amor.
Ele me amou primeiro
Nós amamos porque Ele nos amou primeiro. O amor de Deus se manifestou em nos enviar seu Filho como propiciação pelos nossos pecados.
Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.
Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
Iisaa Al-Masiihiin lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.
Amor inseparável
Nem a morte, nem a vida, nem qualquer outra criatura poderá nos separar do amor de Deus em Cristo Jesus nosso Senhor.
Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
Jaalala Al-Masiihii irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? Kunis akkuma,
"Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra"
jedhamee barreeffamee dha. Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.
akkasumas Iisaa Al-Masiihiin dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.
Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase, isa akka nu Allaah isaatii fi Abbaa isaa tajaajilluuf mootummaa fi luboota nu taasise sanaaf ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu! Ameen.
Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Allaaha duukaa buʼaa; akkuma Al-Masiihiin nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Allaahaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
Celebrar o amor de Jesus
O amor de Jesus é motivo de cântico e louvor. De manhã cantarei teu amor e à noite proclamarei tua misericórdia.
Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;
yaa Allaah, ati daʼoo koo ti;
ati Allaah ani abdadhuu dha.
Rabbii Allaahan gara laafessaa fi arjaa dha;
inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
Inni yeroo hunda hin dheekkamu;
aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;
inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne;
yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.
Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,
jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,
akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
Isin ayyaana Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.