Jesus Cristo
Jesus Cristo é o centro de toda a Escritura — Deus encarnado, Salvador do mundo, Senhor dos senhores. Nele habita corporalmente toda a plenitude da divindade.
A divindade de Cristo
No princípio era o Verbo, e o Verbo estava com Deus, e o Verbo era Deus. Jesus é Deus revelado em carne humana.
Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Allaah wajjin ture; dubbiin sunis Allaah ture.
Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Allaah wajjin ture; dubbiin sunis Allaah ture. Innis jalqabatti Allaah wajjin ture. Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
Guutummaan Allaah taʼuu hundinuu fooniin Al-Masiihii keessa jiraataatii;
Guutummaan Allaah taʼuu hundinuu fooniin Al-Masiihii keessa jiraataatii; isinis Al-Masiihii isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.
Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Inni utuma bifa Allaahatiin jiruu,
wal qixxummaa Allaah wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Jesus, o Filho de Deus
Tu és o Cristo, o Filho do Deus vivo! Jesus revelou o Pai e demonstrou sua autoridade divina por palavras e obras.
Innis, "Isin hoo? Eenyu anaan jettu?" jedhee gaafate.
Simoon Phexrosis, "Ati Al-Masiihii, Ilma Allaah jiraataa ti" jedhee deebise.
Iisaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa shamaayʼun irraatu siif ibse malee nama miti.
Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu" jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Allaahan nu wajjin jira" jechuu dha.
Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Iisaa eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, "Dhugumaanuu inni Ilma Allaaha ture!" jedhan.
Iisaan garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine.
Lubichi ol aanaan ammas, "Al-Masiihiin Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?" jedhee isa gaafate.
Iisaanis, "Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa shamaayʼuniitiin dhufuu ni argitu" jedhe.
Innis akkana isaaniin jedhe; "Hin rifatinaa! Isin Iisaa Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa.
Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Iisaanis ni cuuphame. Utuu inni duʼaa gochaa jiruu shamaayʼuniin banamee, Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, "Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada" jedhu tokkos shamaayʼun irraa ni dhufe.
Eu Sou
Jesus disse: antes que Abraão existisse, Eu Sou. Ele se identificou com o nome divino revelado a Moisés na sarça ardente.
Iisaanis, "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Ibraahim hin dhalatin iyyuu ani anuma" isaaniin jedhe.
Muusaan immoo Allaahan, "Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, ‘Allaahan abbaa keessanii na ergeera’ yommun jedhutti yoo isaan, ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?" jedhe.
Allaahanis Muusaadhaan, "ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi" jedheen.
Anii fi Abbaan tokkuma."
Iisaan garuu, "Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira" isaaniin jedhe. Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Allaahan of qixxeessuudhaan Allaah iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Allaahan of qixxeessuudhaan Allaah iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna. Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera; kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Allaaha dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
O Salvador e Senhor
Jesus é o caminho, a verdade e a vida. Não há outro nome dado entre os homens pelo qual devamos ser salvos.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Iisaanis akkana isaan jedhe; "Yaa Fiiliphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin wajjin jiraadhee, ati amma illee na hin beeknee? Namni na arge Abbaas argeera. Yoos ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jechuu dandeessa ree? Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kootiin hin dubbadhu. Garuu Abbaa isa na keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta.
Iisaan immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;
Iisaan immoo, "Ati yoo amante akka ulfina Allaaha argitu ani sitti hin himnee?" jedheen.
Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan shamaayʼun gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii."
Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, "Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?" jedheen. [Fiiliphoosis, "Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa" jedheen. Namichis deebisee, "Akka Iisaan Al-Masiihii ilma Allaaha taʼe ani nan amana" jedhe.] Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe.
A supremacia de Cristo
Ele é o resplendor da glória de Deus e a expressão exata do seu ser. Toda a plenitude habita nele e por Ele tudo subsiste.
Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe. Akkuma maqaan inni dhaale sun kan malaʼikkootaa caalaa guddaa taʼe sana innis malaʼikkoota caalaa guddaa dha.
Egaa luba ol aanaa guddicha isa shamaayʼuniiwwan keessa darbe, Iisaa Ilma Allaaha waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.
kottaa Iisaa isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Allaaha taaʼe.
Kanaafuu inni Allaah tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture.
Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;
gadda keenyas baate;
nu garuu akka waan Allaahan isa dhaʼeetti,
akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname;
balleessaa keenyaafis caccabsame;
nu adabamuu isaatiin nagaa arganne;
madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
Mucaan nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.
Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Allaah Jabaa,
Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa
jedhamee ni waamama.
Confessar a Cristo
Todo aquele que confessa que Jesus é o Filho de Deus, Deus permanece nele e ele em Deus. A fé em Cristo é a vitória.
Yoo namni kam iyyuu Iisaan Ilma Allaaha akka taʼe dhugaa baʼe, Allaahan isa keessa jiraata; innis Allaah keessa jiraata.
Yoo namni kam iyyuu Iisaan Ilma Allaaha akka taʼe dhugaa baʼe, Allaahan isa keessa jiraata; innis Allaah keessa jiraata.
Allaahan akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Allaaha nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
Allaahan akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Allaaha nu gidduutti mulʼateera.
Namni cubbuu hojjetu kan ibliis; ibliis jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Allaaha hojii ibliis diiguudhaaf mulʼateetii.
Iisaan Ilma Allaaha taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?
Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Allaahan jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Allaaha hin qabne immoo jireenya hin qabu.
kunis yoo ati, "Iisaan Gooftaa dha" jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Allaahan warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Viver em Cristo
Já não sou eu quem vive, mas Cristo vive em mim. Ele supre toda necessidade, dá paz e reina como Senhor.
Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Allaahan koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Al-Masiihi Iisaadhaan isiniif guuta.
Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Allaahan duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Al-Masiihi Iisaatiin uumamne.
akkuma Al-Masiihiin nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Allaahaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Al-Masiihiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
Allaah karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
Garuu garaa keessan keessatti Al-Masiihii Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;
Allaahan tokkicha; Allaaha fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Al-Masiihi Iisaa isa nama taʼee dha;
O Rei eterno
O Rei dos reis voltará em glória e majestade. Todo joelho se dobrará e toda língua confessará que Jesus Cristo é o Senhor.
Anis shamaayʼun baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Allaaha jedhama. Loltoonni shamaayʼun irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; "Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha." Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha:
Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.
Ayyaanni Gooftaa Iisaa qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.
Innis Toomaasiin, "Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin" jedhe.
Toomaas immoo, "Gooftaa koo! Allaah koo!" jedheen.
Iisaan barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete. Wantoonni kunneen garuu akka Iisaan inni Al-Masiihi Ilma Allaaha taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata."
Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu. Anii fi Abbaan tokkuma."
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. Allaahan karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Allaaha tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu.
Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii."
Iisaanis isaan ilaalee, "Kun garuu Allaahaf malee namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii" jedhe.
Iisaanis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Allaahaf ni dandaʼama" jedhee deebise.
Ayyaanni Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii hafuura keessan wajjin haa taʼu.