Publicidade

Jovens

Por Bíblia Online

Deus tem planos maravilhosos para os jovens. A Bíblia os convida a consagrar a juventude ao Senhor, crescer em sabedoria e ser exemplo para todos em fé, palavra, conduta e amor.

Ninguém despreze a tua mocidade

Paulo exortou Timóteo: sê exemplo dos fiéis na palavra, no procedimento, no amor, no espírito, na fé e na pureza.

Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.

Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi.

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha;

Lembrar do Criador na juventude

Lembra-te do teu Criador nos dias da tua mocidade. A sabedoria ganha cedo produz frutos duradouros na vida inteira.

Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin,

utuu barri ati itti, "Ani itti hin gammadu" jettu hin gaʼin,

bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;

Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin,

utuu barri ati itti, "Ani itti hin gammadu" jettu hin gaʼin,

bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;

utuu aduu fi ifni,

jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin,

utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin,

yeroo itti eegdonni manaa hollatanii

namoonni jajjaboon immoo gugguufanitti,

yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniif hojii dhiisanii,

kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti,

Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi;

bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu.

Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi;

garuu akka Allaahan waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.

Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;

sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef

dhagna kee keessaa hammina baasii gati.

Caalanii Argamuun Faayidaa Hin qabu

Mootii dulloomaa fi gowwaa siʼachi gorsa hin fudhanne irra, dargaggeessa hiyyeessa ogeessa wayya.

Força e promessa

Os jovens renovam suas forças quando esperam no Senhor. Deus levanta jovens com visões e sonhos para transformar o mundo.

Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus;

dargaggoonnis gufatanii kufu;

Warri Rabbii Allaah abdatan garuu

humna isaanii ni haaromfatu.

Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;

ni fiigu; hin dadhaban;

ni deemu; hin bututan.

Guyyaa Rabbii Allaah

"Anis kana booddee,

Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.

Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;

jaarsoliin keessan abjuu abjootu;

dargaggoonni keessan mulʼata argu.

Bara sana keessa, garboota koo

warra dhiiraa fi dubartii irratti illee

Hafuura koo nan dhangalaasa.

Allaahanis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture.

Yommuu guyyaan mootichi akka isaan gara isaatti dhiʼaatan murteesse gaʼettis, qondaalli hangaftichi fuula Nebukadnezar duratti isaan dhiʼeesse. Mootichis isaan haasofsiise; innis nama Daaniʼeliin, Hanaaniyaan, Miishaaʼeelii fi Azaariyaan qixxaatu tokko illee hin arganne; kanaafuu isaan hojii mootichaa jalqaban.

Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti;

arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.

Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi

qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.

Guardar o caminho

Como purificará o jovem seu caminho? Guardando-o segundo a tua Palavra. A Escritura na juventude guarda do pecado a vida inteira.

Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?

Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,

dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

Rabbii Allaah Gooftaa, ati abdii kootii;

ijoollummaa kootii kaaftees ati Allaah ani amanadhuu dha.

dargaggoonnii fi shamarran,

jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.

Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii,

isaan maqaa Rabbii Allaah haa galateeffatan;

ulfinni isaas lafaa fi shamaayʼuniiwwanii ol jira.

Fakkeenya Suleyimaan Ilma Daawud, mootii Israaʼel:

Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,

dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;

ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,

murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;

warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,

dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,

Jecha kudha jaʼaffaa

Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi;

qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu.

Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti

yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin;

machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu;

hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa.

Jecha kudha torbaffaa

Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;

haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.

Coragem e vocação

Deus chamou jovens como Jeremias e Josué para grandes missões. A juventude não é desculpa — é oportunidade de servir poderosamente.

Anis, "Wayyoo, yaa Rabbii Allaah Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha" nan jedhe.

Rabbii Allaahan garuu akkana naan jedhe; "Ati, Ani mucaa xinnoo dhahin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda. Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii" jedha Rabbii Allaahan.

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan. "Isinis na waammattu; dhuftaniis na duratti duʼaa godhattu; anis isin nan dhagaʼa. Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu. Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida" jedha Rabbii Allaahan. "Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida" jedha Rabbii Allaahan.

"Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Muusaan siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin. Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas. Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Rabbii Allaahan kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Dargaggootaaf

Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa;

"Allaahan of tuultotaan ni morma;

warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii."

Kanaafuu akka Allaahan yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.

Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif,

waan dubbiin Allaaha isin keessa jiraatuuf,

waan isa hamaa sanas moʼattaniif,

ani isiniifin barreessa.

Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti.

Yeroo dargaggummaa isaatti

waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-