Pular para o conteúdo
Publicidade

O juízo final

Por Bíblia Online

O juízo final é a conclusão da história humana. Todos os seres humanos comparecerão diante do trono de Deus para o julgamento eterno — os salvos para a vida, os ímpios para a condenação.

O grande trono branco

Vi um grande trono branco e os mortos diante de Deus. Os livros foram abertos e cada um foi julgado segundo as suas obras.

Warra Duʼanitti Muramuu Isaa

Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi shamaayʼuniin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne. Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame.

Waamichaa fi Akeekkachiisa Dhumaa

"Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.

Waamichaa fi Akeekkachiisa Dhumaa

"Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna. Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.

"Utuma ani ilaaluu,

"Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman;

Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe.

Uffanni Isaa adii akka cabbii ture;

rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture.

Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa,

geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.

"Utuma ani ilaaluu,

"Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman;

Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe.

Uffanni Isaa adii akka cabbii ture;

rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture.

Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa,

geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.

Lagni ibiddaa tokko

fuula isaa duraa ni yaaʼa ture.

Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan;

kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan.

Dhaddachi taaʼamee ture;

kitaabonnis banamanii turan.

Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu. Ogeeyyiin akkuma ifa shamaayʼuniiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.

Preparação para o juízo

Deus estabeleceu um dia para julgar o mundo com justiça. Arrependei-vos, porque o juízo se aproxima e cada palavra será pesada.

Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera."

Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu. Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama."

Hoolotaa fi Reʼoota

"Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin malaʼikkoota Allaaha hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa. Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa. Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.

Hoolotaa fi Reʼoota

"Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin malaʼikkoota Allaaha hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa. Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa. Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.

"Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa. Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan; ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.

"Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine? Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne? Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?

"Mootiin sunis deebisee, Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootanjedhaan.

"Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa ibliisii fi malaʼikkoota isaatiif qopheeffametti galaa. Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii; ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.

"Isaanis, Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?jedhanii deebisu.

"Innis deebisee, Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goonejedha.

"Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu."

Allaahan hojii hunda,

waan dhokfame hundas

gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.

Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade;

"Allaahan qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida;

wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii."

"Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!

Segurança em Cristo

Quem crê no Filho tem a vida eterna e não entra em juízo. O amor de Deus é nosso refúgio diante do juízo vindouro.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. Allaahan karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Allaaha tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera. Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.

Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga. Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa; waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef; waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef; waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.

Kanaafuu jaalala Allaahan nuuf qabu beekneerra; amanneerras.

Allaahan jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Allaah keessa jiraata; Allaahanis isa keessa jiraata. Nus akka guyyaa murtiitti ija jabina qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu gidduutti guutuu taʼeera; nu addunyaa kana irratti Iisaa fakkaannaatii. Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.

Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Al-Masiihii duratti dhiʼaachuu qabnaatii.

Akka injiila ani lallabuutti wanni kun gaafa Allaahan icciitii namootaa karaa Iisaa Al-Masiihiin murtii itti kennutti taʼa.

Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana akkasuma immoo Al-Masiihiin cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.

"Yeroo xinnoo keessatti,

inni dhufuuf jiru ni dhufa;

hin turus."

Akkasumas,

"Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata.

Kan duubatti harkifatu immoo

ani itti hin gammadu."

Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.

Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas. Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu. Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa. Allaahan akka nu karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.

Uumamni hundi fuula Rabbii Allaah duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;

inni lafatti murteessuuf ni dhufa.

Addunyaatti qajeelummaadhaan,

sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.

Seja o primeiro

Este artigo te tocou? Faça uma oração!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.