Juízo
O juízo de Deus é manifestação de sua justiça e soberania. Ele julga o mundo, julga as nações e julga cada coração com perfeita equidade e misericórdia.
O juízo de Deus
Deus é juiz justo que prova os corações. Seu juízo é verdadeiro e alcança toda obra, secreta ou pública.
Allaahan hojii hunda,
waan dhokfame hundas
gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.
Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna. Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera; kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
"Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Allaaha dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu. Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii. Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
"Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri qabrii keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii. Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu. Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
"Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.
Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga. Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa; waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef;
Iisaan akkana jedhee deebise; "Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti. Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama. Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa."
Namichi sunis, "Yaa Gooftaa, ani nan amana" jedhe; ni sagadeefis.
Iisaan immoo, "Warri hin argine akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera" jedhe.
Prestando contas
Cada um prestará contas de si mesmo a Deus. O juízo começa pela casa de Deus e depois alcança os que não obedecem ao evangelho.
Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa. Namni tokko akka waan hunda nyaachuu dandaʼu amana; namni amantiin isaa dadhabaa taʼe kaan garuu biqiltuu qofa nyaata. Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Allaahan isa ofitti qabeeraatii. Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata.
Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Allaaha duratti deebii ni kennina.
Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa. Akka wanni ofuma isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko iyyuu hin jirre ani karaa Gooftaa Iisaa nan beeka; nan amanas. Nama wanni tokko xuraaʼaadha jedhee yaaduuf garuu wanni sun isaaf xuraaʼaa dha.
Yeroon itti murtiin mana Allaahatii jalqabu dhiʼaateeraatii; murtiin kun yoo nurratti jalqaba taʼe dhumni warra injiila Allaahatiif hin ajajamnee akkam haa taʼu ree?
Kanaafuu isin utuu yeroon murteeffame sun hin gaʼin murtii tokko iyyuu hin kenninaa; hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni waan dukkana keessatti dhokfame ifatti ni baasa; hawwii garaa namaas ni mulʼisa. Yeroo sana namni hundinuu Allaah biraa galata ni argata.
Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.
"Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa?
Justiça e redenção
O juízo de Deus é também redenção. Ele livrou Israel do Egito com juízos e salva os arrependidos pela cruz de Cristo.
"Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Rabbii Allaah; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura.
"Anis halkanuma sana Gibxi keessa nan darba; hangafa Gibxis namaa fi horii nan dhaʼa; waaqeffatamtoota Gibxi hundattis nan mura; ani Rabbii Allaah.
Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera;
waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera;
kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha;
yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.
Rabbii Allaah, sababii murtii keetiitiif,
Xiyoon dhageessee ililchiti;
gandoonni Yihuudaas ni gammadu.
Isaanis waan soofame hunda,
qottoo fi burrusaan caccabsan.
Isaan mana qulqullummaa kee guban;
lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.
Kana booddee waan akka huursaa sagalee tuuta namootaa guddaa tokko shamaayʼun irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:
"Haalleluuyaa!
Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Allaah keenyaa ti;
murtiin isaa dhugaa fi qajeelaadhaatii.
Inni sagaagaltittii guddoo,
ishee sagaagaltummaa isheetiin lafa xureessite sanatti mureera;
dhiiga garboota isaatiifis isheetti haaloo baʼeera."
Ammas,
"Haalleluuyaa!
Aarri ishees bara baraa hamma bara baraatti ol ni baʼa"
jedhanii iyyan.