Julgamento
O julgamento pertence a Deus. A Bíblia adverte contra o juízo precipitado entre irmãos e revela que Cristo é o juiz justo que julgará vivos e mortos com perfeita equidade.
Não julgueis
Jesus disse: não julgueis para que não sejais julgados. Com o juízo com que julgais, sereis julgados.
"Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa.
"Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa. Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.
"Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa. Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.
"Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
"Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?
"Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.
"Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.
"Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii. Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii."
Julgar com justiça
Quando precisar avaliar, julgue segundo a justa aparência. Não julgue pela carne, mas pelo Espírito e pela verdade.
Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa."
Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru. Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
Allaahan karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.
Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Allaaha tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Allaaha tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera. Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.
Anis yeroo sanatti akkana jedhee abbootii murtii keessan nan ajaje; "Mormii obboloota keessan gidduutti kaʼu dhagaʼaa; yoo wal mormiin kaʼu sun Israaʼeloota obboloota gidduutti yookaan nama Israaʼel tokkoo fi alagaa tokko gidduutti taʼe murtii qajeelaa kennaa. Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Allaaha taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa."
Himata sobaa keessatti hin hirmaatin; waan ani nama balleessaa hojjete hin qulqulleessineef nama yakka hin qabne yookaan nama qajeelaa hin ajjeesin.
O tribunal de Cristo
Todos compareceremos diante do tribunal de Cristo para prestar contas. Cada um dará conta de si mesmo a Deus.
Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Al-Masiihii duratti dhiʼaachuu qabnaatii.
Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Allaaha dura ni dhaabannaatii. Kunis:
" ‘Ani jiraataadhaatii;
jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata;
arrabni hundi Allaahaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan"
jedhamee barreeffameeraatii. Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Allaaha duratti deebii ni kennina.
Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa.
Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa.
Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata.
Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Allaahan isa ofitti qabeeraatii.
Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii.
Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii. Nu akka murtiin Allaaha kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna. Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Allaaha jalaa baatu seetaa?
Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundinuu seera malee barbadaaʼu; warra utuu seera qabanuu cubbuu hojjetan hundattis seeruma sanaan murama.
Akka injiila ani lallabuutti wanni kun gaafa Allaahan icciitii namootaa karaa Iisaa Al-Masiihiin murtii itti kennutti taʼa.
Egaa amma murtiin warra Al-Masiihii Iisaa keessa jiraatanitti muramu hin jiru; seerri Hafuura jireenyaa karaa Al-Masiihii Iisaatiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Allaaha garuu karaa Gooftaa keenya Al-Masiihii Iisaatiin jireenya bara baraa ti.
Deus é o juiz
O Senhor julgará o mundo com justiça. O juízo de Deus é verdadeiro e justo — Ele conhece todos os segredos do coração humano.
Rabbii Allaahan garuu bara baraan ni moʼa;
teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.
Rabbii Allaahan garuu bara baraan ni moʼa;
teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.
Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna;
sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.
Allaahan hojii hunda,
waan dhokfame hundas
gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.
"Utuma ani ilaaluu,
"Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman;
Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe.
Uffanni Isaa adii akka cabbii ture;
rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture.
Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa,
geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.
Lagni ibiddaa tokko
fuula isaa duraa ni yaaʼa ture.
Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan;
kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan.
Dhaddachi taaʼamee ture;
kitaabonnis banamanii turan.
Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate.
Discernimento e graça
Temos um advogado junto ao Pai — Jesus Cristo. Não há condenação para os que estão em Cristo. Prove os espíritos.
Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Iisaa Al-Masiihi Isa Qajeelaa sana.
Yaa michoota, hafuuronni kan Allaaha taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; nabiiʼiyyoonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.
Kanaafuu isin utuu yeroon murteeffame sun hin gaʼin murtii tokko iyyuu hin kenninaa; hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni waan dukkana keessatti dhokfame ifatti ni baasa; hawwii garaa namaas ni mulʼisa. Yeroo sana namni hundinuu Allaah biraa galata ni argata.
Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Allaahatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata? Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii? Isin akka nu malaʼikkoota Allaahatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree? Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Al-Masiihii keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree? Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa?
Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii? Isin akka nu malaʼikkoota Allaahatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree?
Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.
Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera. Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
wanni kun akkas taʼee Gooftaan akkamitti akka warra Allaahaf bulan qorumsa keessaa baasuu fi akka itti warra jalʼaa hamma guyyaa murtiitti adabbiif tursu beeka.
Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu. Inni seera tumuu fi Abbaan Murtii tokkichuma; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼuu dha. Garuu nama kaanitti muruuf ati eenyu?
Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; shamaayʼuniin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, "Eeyyee" yookaan "waawuu" haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama.
Sababiin isaas namni seera guutummaatti eegee waan tokko qofa cabse kam iyyuu akka waan seera hunda cabseetti ilaalamaatii. Inni, "Hin ejjin" jedhe sun akkasuma immoo, "Hin ajjeesin" jedheeraatii. Ati yoo ejjuu baatte illee nama ajjeefnaan seera cabsiteerta.
Isin akka warra seera nama bilisoomsuun itti muramuutti dubbadhaa; hojjedhaas;
Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin.
Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin. Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Al-Masiihii keessa jira.
Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Allaah tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.
meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu;
atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta.
Kun dhaala tajaajiltoota Rabbii Allaah ti;
innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha"
jedha Rabbii Allaahan.
Halkan lubbuun koo si yaaddi;
ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada.
Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti,
uummanni addunyaa qajeelummaa barata.
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Allaahan ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata;
Rabbii Allaahan garuu yaada namaa madaala.
Fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa caalaa,
waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.
Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.
Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi;
bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu.
Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi;
garuu akka Allaahan waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.
Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii. Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
"Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.