Justiça
A justiça é atributo de Deus e vocação do cristão. A Bíblia chama os crentes a buscar a justiça, praticar o que é reto e confiar no Deus que julga justamente.
Buscar a justiça
Buscai primeiro o Reino de Deus e a sua justiça. Quem semeia justiça colherá galardão seguro e duradouro.
Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
Namni hamaan mindaa sobaa argata;
kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu,
jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
Fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa caalaa,
waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata;
Rabbii Allaahan garuu yaada namaa madaala.
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Justiça em Cristo
Deus tornou Cristo a nossa justiça. Pela fé somos declarados justos diante de Deus — não por obras, mas pela graça.
Akka nu isumaan qajeelummaa Allaaha taanuuf Allaahan nuuf jedhee Al-Masiihii isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
Ayyaanni Allaaha kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Allaah malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Allaahatti buluu akka jiraannu nu barsiisa;
Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa
Ati garuu yaa nama Allaaha, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Allaahatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.
Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
Hin gowwoominaa; Allaahatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.
Praticar a justiça
O fruto da justiça semeia-se em paz para os que promovem a paz. Os olhos do Senhor estão sobre os justos.
Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.
Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii duʼaa walii godhaa. Duʼaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.
Rabbii Allaahan murtii qajeelaa jaallataatii;
warra isaaf amanamanis hin gatu.
Isaanis bara baraan ni eegamu;
sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
Iji Rabbii Allaah qajeeltota irra jira;
gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu;
namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,
yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,
yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;
akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
Consequências
O Senhor recompensará cada um segundo suas obras. A justiça exalta a nação e traz segurança aos que a praticam.
Allaahan, "Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna."
Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.
Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. "Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas."
Isin yoo warra waan gaarii isinii godhaniif waan gaarii gootan, kun galata maalii isiniif qaba? Kana immoo cubbamoonni iyyuu ni godhuutii.
Namni utuu itti hin yaadin, "Wanni kun Allaahaf qulqulleeffameera" jedhee
ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.